15 Ammo jaalalaani d'uga dubbanne kara ch'ufaani Kristo, ka mata keenna, keesa guddachu malle.
Ijoolle tiyya! Jaalalti teenna dubbi afaani ch'alla intahiini; ammo jaalala d'uga tahu malte, ta huji dansaani ufi mulliftu
Iti deebitani inkiyyibiina duuba! Nami ch'ufti ha oboleesa ufiti d'uga dubbatuuti; wonti akanatiifi nuuni ch'ufti nafa Kristo keesati mita.
Woni isani tolchu maltani kana: D'uga wolti dubbad'a, fulla gaadisa qorsuma d'uga gula woi qora — d'uga ta nagayaani d'uftu.
Eegi isani amma d'uga guuttani, suniini ufi qulqulleesitani, ammalle oboleyaani teesani aka dansa jaalattani, garaa keesani ch'ufaani aka dansa woli jaalad'a.
Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.
Isati mana ch'ufa wolti qaba, aka mani suni mana Aabbo qulqullo tahe guddatu.
Waaqi waan ch'ufa ya miila Kristo jalati deebise, aka inni Mata waan ch'ufaa tahu inni ya gumi Waaqati kenne.
Aka ijoolle d'io d'alatte taha, nama hojja ch'ufa aanani qulqullo ka lubbuti beelau, aka eegi d'uddani gugurdattani baafamtani.
Jaalalti ha waan d'ugaa taatuuti. Waan hamtu jibba, waan dansa jabeesa.
Yesoni Nathanieli gara isaa d'ufu arginaani, waan isaa dubbate waan jed'e, Me ilaala, nama Israeli ka d'ugaafi, d'arti tokoleeni isa keesa injirre.
Akuma Kristoni mata gumi isaa, d'iirsileeni mata niiti isaati; Kristoleeni ufi isaati Qarqaarsa gumi, ta nafa isaa.
Huji d'ossatiifi ta ch'eera la lakimne; nama insomnu, dubbi Waaqale ind'aareesinu. D'uga diidati dubbanne aka d'uga qamnu nama ch'ufa agarsiimna, Waaqa duraleeti.
Ayyaana isaati, ka AABBO Waaqi womaani inhimanne, ka ammalle kiyyiba womatu inqamne.
Duuba isiini waan jetteeni, Atini ka ufira inqamne akami si jaalad'a nani jette? Atini maro sadi na sobde, waan si jabeesani nati himu didde.
Anini seera isanii tolchuuti injiru. Ammo haga biyyiti d'ibiini qarqaaru feete isani agarsiise, duuba aka jaalalti teesani ta d'uga argu fed'a.
Ammo isani, worra maqa kiyya sodaatu, d'ugaani tiyya aka adu isaniti ifsite, kayyoni isii isani jireesiti. Duuba aka yabbiye d'oqoba keesaa banani buraat'ani.
Ammo anini aka isani aka Kristoni nama ch'ufa ira jiru barattani fed'a, d'iirsi niiti ufi ira jira, Waaqileeni Kristo ira jira.
Ato lafa inuumiini, Waaqi ya Kristo keesa nu fohate, aka nu qulqulloomne wollaala male isa dura yaanu. Maro jaalala isaatiifi