Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 4:14 - KITAABA WAAQA

14 Iti deebine ijoolle d'awaani galaana d'od'ooftu intaanu yokhaani ta barsiisaani nama d'ara ch'ufti chochooftu intaanu, ka malteeni nama d'ibi kara ira gorsu.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 4:14
44 Referans Kwoze  

Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.


Herega keesani keesa aka ijoolle intahiina, oboleyaani tiyya; waan hameennati ijoolle taha, ammo herega keesani keesati nama gudda taha.


Jaalaani tiyya, nama, Anini Lubbu Waaqa qabu jed'u ch'ufa ind'ugefatiina, ammo gargari hubad'a aka lubbuuni suni gara Waaqati d'ufte. Wonti akanatiifi raagi d'ara hedduuni ya lafa d'ufe.


Nu aka worra dubbi Waaqaatiini daldalu injirru; ammo maro Waaqi nu ergeefi, nu aka nama d'uga dubbanna fuula isaa durati, aka hojattu Kristo.


Yo kad'ate inni d'ugefachu male, diqole rinch'ich'u himmalle; wonti akanatiifi nami rinch'ich'u ch'ufti aka d'awa galaana ka bubbeeni d'ooftu jira.


Miha lola ka Waaqi isanii kennu ch'ufa guurad'a, aka malte Sheet'ana dabsattani.


Wonti akanatiifi Kristo d'aratiifi raagi d'ara ind'ufa, akheekhafi waan mama heddu tolchani, aka worra Waaqi fohate sobani, yo sila dandaani.


Wonti akanatiifi hojjaani nami barsiisa d'uga gula indeemne ind'ufti, ammo fed'i ufi ch'alla gula yau, nami ch'ufti barsiiftu heddu barbaadata, ta waan worri d'agayu fed'u worrati odeesitu.


Ammalle worri farso ch'eera foko male d'uge, jila teesani t'ureesa, worri ufi ch'alla qorqorata. Worri aka dumansa bokaya inqamne, ka bubbeeni d'oofte jira. Aka mukha ch'aamsaale mid'aani imbaamne jira mukha buqisani goge fakaata.


Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Isani worri Galatia guddo daalle! Entu isani falfale? Aka Yeso Kristoni maskali gubbaa due! Isani ya iluma teesaniini agartani.


Jennaani raagi d'ara hedduuni d'ufe nama heddu soba.


Anini waan worra isani sobu fed'u t'aafa.


ammo nama hamafi kiyyibaani ch'ufti ira hamaata, ufi sobani nama d'ibile sobani.


Worri waan kiyya gungume waan jed'u, Nami kunini eenu barsiisu fed'a akana taha isi? Eenuti dubbi isaa tana jalaa qaba? Ijoolleeni didiqooni d'io harma iraa d'owanileeni dubbi isaa tana jalaa inqabdi?


Huji d'ossatiifi ta ch'eera la lakimne; nama insomnu, dubbi Waaqale ind'aareesinu. D'uga diidati dubbanne aka d'uga qamnu nama ch'ufa agarsiimna, Waaqa duraleeti.


Worri kaani yaanaani, Yesoni waan Yohana biyyati dubbate waan jed'e, Lafa gamooji keesa maani daawachu d'at'ani? Ilaadu qilleensi tabsiisu wo taate?


Isani imbeetani, aka gaafa isani Waaqa imbeenne, wonti harkaani boch'ani, ta woma imbaane, isani mohatte kara ira isani gorsite.


Ammo dubbi worra inch'aqasiini, nama haga afurtamati isa eegu jira. Worri ch'ufti ya kakhate, aka nyaatani ind'unne haga isa ijeesaniti. Kurfo jirani aka waan suni tolchani, ammo qonqo tante eegachu jirani.


Nami d'ugaafi qajeeluma gula deemu, ka Waaqa sodaatu, tokoleeni injiru. Nami ch'ufti gaade wolijeesa. Ch'ufti oboleesa ufii yokhaani gosa ufii t'ururaani qabe balleesu fed'a.


Me laali, worri hamaani kaani ya na marse, worri gaadeti na ijeesuu fed'a. Ee AABBO Waaqa maro dabaafi ch'ubbu anini tolchetiiniti yokhaani maro wollaala kiyyatiiniti, ammo worri fayyuma tana na reebe na had'a.


aka nyeench'a goda keesati eegata. Inni hiyyeesa gaade, t'urura keesati qabe hirkise itiini d'aabata.


Worri kunini qarale gumi teennaaniti, tanaafi nu biraa yaa; yo sila gumi teenna keesa jiraatani, nu woliini taani. Ammo wonti worri nu biraa yaeefi aka tokoleeni gumi teenna intahiini agarsiifti.


Dubbi kiyyibatiifi ta daalluma dubbatani, nama diquma toko worra wollaala qabu keesaa imbahiini d'araa nafatiini sobani t'urura ke buusani.


Yokhaani hobolo qaabad'a, isiini waan guddo, ammo mukha diqa tokoti karaati qajeelcha, fulla abbaani fed'u ch'ufa.


Inni nama d'io d'ugefate intahiini; hegeri ufi guddise, aka Sheet'ani duri tahe wollaala iti murani taha.


Atini imbeeta, aka nami lafa Asia keesa tau ch'ufti na biraa yae, Figelofi Hermogeneleeni.


Wonti akanatiifi wonti nami lafa qarooma sehu fuula Waaqa durati woma imbaatu. Akuma t'aafiini jettu, Waaqi nama qaro qarooma isaa keesati t'urura keesa kaya.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite