Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 4:11 - KITAABA WAAQA

11 Isati wo namaa kenne; nama gari ergattu tolche, ka gari raaga tolche, ka gari odeesitu dubbi tolche, ka gari tissitu tolche, ka gari barsiiftu tolche.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 4:11
19 Referans Kwoze  

Anini jara naa saalfatu, ka isani fidu, isanii kenne, worri qaroomafi qalbiini isani fida.


Isanile yayabuma ergattufi raagooti keete irati isani ijaarani, d'akhaani jabaleeni Kristo Yeso.


Ammo atini hojja ch'ufa ufi qorqorachu malte; gaargala obsi, aka nama Odu Dansa barsiisu tahi, huji Waaqa ch'ufa guuti.


waan anini isani barsiise ch'ufa guuta worraani jed'a. Beekha, haga guyya muummele anini isani woliini jira.


Tanaafi ufiifi hooliye Lubbuuni Qulqullooni isaniti kennitele qorqorad'a, aka gumi Aabbo ta inni d'iiga ufitiini bitate nyaachiftani.


Akuma t'aafiini jettu, gaafa inni gubba olkore worra hid'ani heddu ufi gula fuud'e, namale wo kenne.


Duri waan d'ossa kana namati inhimani, ammo amma Waaqi ya Lubbu ufitiini ergattu ufi qulqullofi raagootati mullise.


Yo namaa hojanne, aka dansa hojachu malle. Yo nama barsiimne, aka dansa barsiisu malle.


Bara heddu worri Israeli d'uga iraa gore Waaqafi, qaalole worra barsiiftufi seerale lakise akasumati tae.


Isani hojja tana jara nama barsiisu tahu maltani, ufiiftu nama waan qara ta dubbi Waaqa isani barsiisu feetani. Isani harma hod'u maltani, sagale jabdu indandeettani.


Gammada, maro badi isaatiifi, Ee Gubba! Gammada, worra Waaqatiifi ergattufi raagoota! Waaqi ya maro waan inni isani tolcheefi isa qore!


Boriyya kaane Kaisaria d'umne. Mana Filipo, nama Odu Dansa hasau, seenne woliini teenne. Inni jara torbaani Yerusalemuti fohatani kaani keesa jira.


Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.


Naabo d'akha ka dira d'akhaye kud'ani lama irati ijaarani, d'akha suni gubbati maqa ergattu Ilme Hoola kud'ani lamaani t'aafani.


Ammo waan kana qaabad'a, jaallaani tiyya! Waan ergattuuni Aabbo keenna Yeso Kristo duri isaniti himte qaabad'a.


Wonti Lubbuuni namaa kennitu aka heddu jirti, ammo Lubbu tokoti namaa kenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite