15 inni abba worra ch'ufa, ka nami lafafi gubba jiruleeni maqa d'ugaa ira argatu.
Wonti Waaqi tolchu fed'u, aka yo hojjaani geete, uumama lafa ch'ufa ka lafafi gubba jiru woltiini d'ufe Kristo mataa tolchu.
Kristoni achiti hayyoota gubbafi jabeennaafi irreefi nama jaba ch'ufa fida; inni maqa ulfinna ka lafa tanaatiifi ka hegerile ch'ufa ira jira.
Nama dabsatu anini utuba Mana Waaqa kiyya tolcha, inni haga jiru keesaa imbahu. Maqa Waaqa kiyyatiifi maqa dira Waaqa kiyyale, Yerusalemu hareeti, ta gubba fulla Waaqa kiyyati baatu, isa irati t'aafa. Anileeni maqa kiyya haraa irati t'aafad'a.
Worra Yudatifi ka Yerusalemu lubbu baasani nagayaani teesisani. Dira sunile maqa iti baasani, AABBO Waaqi D'uga teenna jed'ani.
Nami gurra qabu waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini sagale manna jed'ani ta d'ossani kennaafi. Ammalle ch'abbi adi ta maqa hareesa irati t'aafani, ka nama argatu male nami d'ibiini imbeenne kennaafi.
Ilma isaatiini, Waaqi uumamaa ch'ufa gara ufi deebise. D'iiga Ilma isaa ka maskali gubbati jigeeni nagaya tolche, akanaani waan lafafi gubba jira ch'ufa gara ufi deebise.
Arginaani Antiokiani isa d'ufe. Haga ganna toko worri gumi Waaqatiini wolwoldae nama heddu barsiise. Ammalle Antiokia keesa qara jara Yesotiini Kristiani jed'ani.
Gumiini anini fohad'e maqa keesanini nama abaarti. Ana, AABBO Waaqa guddati, isani fit'a; ammo nama naa saalfatu maqa haareesa kennaafi.
Maro waan kanatifi anini Aabbo durati jilbifad'a,
Anini Waaqa kad'ad'a, aka inni durooma guddinna ufitiini jabeenna Lubbu Qulqullo ta garaa keesani jabeesitu isanii kennu,