12 Isa keesa waan nu isaa d'ugefanneefi, fuula Waaqa dura d'ufu indandeenna, ch'eerafi soda male.
Maro Kristotiifi nuuni ch'ufti, gosa d'ibiifi Yahudileeni, Lubbu takaani fuula Abba dura d'umna.
Inni ya d'ugefacha teennaani, eeba Waaqaatiini nuu d'ufe, ta nu amma keesa jiru tana. Nu maro abdi, aka guddinna Waaqa qoodannu qamnuufi gammanna!
Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.
Wonti nu waan kana jennuufi maro d'uga Waaqa Kristo keesa qamnuufi.
Waaqi maro Yeso Kristo d'ugefataniifi nama ch'ufa d'uga heregaafi. Waaqi nama Kristo d'ugefate ch'ufa waan kana intolcha woldabraani injirtu:
Ammo Kristoni aka Ilma mana Abba qorqoratu waan ch'ufa guute. Nu mana isaati, yo nu waan abdannu, soda male, garaa jabaanne d'ugefanne.
Tanaafi garaa jabaad'a, yo akasi tolchitani, gati guddo argattani.
Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.
Ee, ijoolle tiyya, Kristo keesa taa, aka yo inni mullate, nu jabaanne, Guyya inni d'ufu inch'eere.
Tanaafi jaallani tiyya yo heregi keenna wollaala nuti imurini, nu Waaqa durati woma insodaannu.