Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 2:20 - KITAABA WAAQA

20 Isanile yayabuma ergattufi raagooti keete irati isani ijaarani, d'akhaani jabaleeni Kristo Yeso.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 2:20
20 Referans Kwoze  

Ammo wonti AABBO Waaqi guddaani isaniini jed'u tana: Anini Sioni keesa yayaba d'akha jaba inchochone kaya. Yayaba suni ira anini d'akha jaba dubbi tana irati t'aafani kaya: D'ugefachaani jabduuni obsa qabdi.


Anini siti hima: Maqaani ke Petro yokhaani d'akha, d'akha kana gubbati anini gumi tiyya ijaara. Dooti dandeete jabeenna isii indabsattu.


D'akhaani ijaartuuni tufate didde ya d'akha ch'ufa ira jaba tahe.


Naabo d'akha ka dira d'akhaye kud'ani lama irati ijaarani, d'akha suni gubbati maqa ergattu Ilme Hoola kud'ani lamaani t'aafani.


Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.


Yesoni waan worraani jed'e, Isani waan t'aafiini jettu taka insoomne? D'akhachi ijaartuuni tuffatte dide ya d'akha ch'ufa ira jabaa tahe. Aabbooti waan kana tolche, ila teenna durati wonti kuni waan mamaati!


Yakobofi Petrofi Yohanani, jari jaarole fakaatu, aka Waaqi huji tana naa kenne arginaani, naafi Barnabale ee jed'ani nu gula galani, nu nama taka taane, gosa d'ibi keesa hojanna, worri ha Yahudi keesa hojatu jenne woliti buufanne.


Qaroomi yayu mana jaarate utuba torbaani utube.


Worra keesaa jaallaba, makala, hayyoota, ta worra kiyya fiduti, gabaha.


Duri waan d'ossa kana namati inhimani, ammo amma Waaqi ya Lubbu ufitiini ergattu ufi qulqullofi raagootati mullise.


Hidda keesani isa keesati baasa, jireenna keesani isa gubbati jaarad'a, d'ugefacha teesani keesati jabaad'a, akuma duri isani barsiisani. Hojja ch'ufa galata deebisa.


Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu: Anini d'akha gati guddo qabu fohad'e, aka fiit'e mana tahu Sioni keesa kaya: Nama isa d'ugefatu tokole inch'eersani.


D'akhaaye yayaba suni guba d'akhaaye d'ibi naqani, ka biima gula boch'ani, ammalle dareera hind'eesale gubba naqani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite