Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 2:13 - KITAABA WAAQA

13 Ammo amma Kristoni takaa taanaani, isani worri duri fago jiru ya d'iiga Kristotini gadi d'iaattani.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 2:13
41 Referans Kwoze  

Kakhu Waaqa isanifi ilmaani teesani kakhatani, ammalle ta eegi tana d'alattule — worra Aabbo Waaqi keenna ufiiti yaamu ch'ufa.


Anini nama fagootifi ka d'iole nagaya isanii kenna jed'e worra fayyisa.


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


Anini mirgaani, worra gad'iisi jed'e, bitaleeni galakisi jed'a. Ilmaani tiyya, ta lafa fagoo muumme lafa ch'ufa jirtu, naa galcha.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.


Gaafasi isani Kristo iraa fago jirtani. Isani nyaapa, gumi Waaqa ta fohatani keesa injirtani. Wold'aqisa Waaqi gumi isati khakhate keesaa inqabdani. Lafa tana keesa abdifi Waaqa male teetani!


Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,


Tanaafi Yahudifi gochiti d'ibileeni takuma tisseefi balchaleeni takuma, d'iirafi nad'eenileeni takuma; Kristo Yeso keesati nami ch'ufti taka.


Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.


aka nami worra gaargalchu anuma beekha. Ammo anini worra nama haga gari lakise, gosafi lafa fago, ta gurra kiyyaafi jabeennaafi guddinna kiyya ind'aagayiniti erga: lafti suni Tarshishi, Libia, Ludi ta nami isii t'iyole ammalle Tubalifi Yavani. Duuba gosa tana keesa worri guddinna kiyya odeesa.


Nami na argu ch'ufti na goyese, na miid'e, mata nati irbee,


Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Maro waan kanatifi wold'aqisi qaraleeni d'iigaani tahe.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Ee AABBO Waaqa, atini irre tiyyafi jabeenna kiyya; nami guyya gaargala na qarqaaru siuma. Gochiti muumme lafati d'ufte waan siini jettu, Ababooti teenna waaqa d'ara, ka harkaani boch'ani, ka woma nama imbaane ch'alla gula yaate.


Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.


Inni waan naani jed'e, Kai, deemi, anini lafa fago gara gosa d'ibi si erga.


Simonini ya aka Waaqi qara gosa d'ibi herege worra keesaa gumi maqa ufitiini fohatu odeese.


Hobolooni sunini lafa fagooti gumi Waaqatini d'ufti. Isiini qarsifi worqi maqa AABBO Waaqa qulqullo Israelitini guddisaniini d'ufti — Waaqa ka gosa ch'ufa gumi isaa guddisisu.


Me millad'a, waan taha kana ilaala: worri kanke wolti bahe siti galuu jira. Ilmaani tante ta d'iira lafa fagooti d'ufte, dubra tantele hamparaani d'ufanini.


Gumiini tiyya fago d'ufti, mirgaafi gama ila adule, ammalle gara Aswani ta bitale d'ufti.


Guyyaani ind'ufa, ka nami d'aloota Daudi hayyu tahe, akheekha gosa ch'ufaa tahu. Worri dira isaa keesati wolti bahe isa guddisa.


Nami si lakisu inuma badda; atini nama siraa gore imballeesita.


Anini hooliye d'ibi qaba, ta moona tana intahiini; isiile d'ufuuni male; isiini qonqo tiyya ch'aqafte ch'iisa toko taati, tissituleeni toko.


Akasuma nu ch'ufa, Yahudifi gosa d'ibile, tisseefi balchale, ya Lubbuuni nafa tokocha kanati nu batifte, ammalle nuu ch'ufa ya Lubbu taka quufsani.


Maqaani kiyya Paulo; anini fed'i Waaqaatiini ergattu Kristo Yeso tahe. Gara gumi Waaqa ta Efeso keesa jirtu, ta jireenna ufitiini Kristo Yeso d'ugefate tatabe tana t'aafa.


Hojja suni kara lafa ka daba gula yaatani, hayyu jabeenna ka qilleensa ch'aqaftani, ka lubbu amma worra Waaqa inch'aqamne mohatu.


Inni Kristo woliini duisa keesaa nu kaase, aka isa woliini gubba nu teesisu.


Nu uumama Waaqaati, ammalle Kristo Yeso keesa inni ya nu uume, aka huji dansa ta inni herege nu kurfeese ke teennu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite