Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 1:7 - KITAABA WAAQA

7 Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,

Gade chapit la Kopi




Efessoon 1:7
67 Referans Kwoze  

Kristoni daba keenna maskaliti baate, aka nu dabaani doone d'ugaani jiraannu. Madaa isatiini isani fayyisani.


Ammo maro tola eeba Waaqaatiifi, kara Kristo Yeso ka nama ch'ufa baasuuni, ya d'uga hereganiifi.


Ilma suniti nu balchoomse daba keenna nu araarame.


Ammalle Seera gula waan ch'ufa d'iigaani qulqulleesani; dabale, yo d'iiga jissani ch'alla araaramani.


Kunini d'iiga kiyya ka wold'aqisa haraa, ka nama hedduu jissani, aka daba nama araaramani.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Anini isanii t'aafa, ijoolle tiyya, waan daba keesani maro Kristotiifi isanii araaramaniifi.


Waaqi kiyya, durooma Kristo Yeso keesa jiru ch'ufaani waan isani feetani ch'ufa isani kenna.


Wonti inni waan kana tolcheefi, aka hojja ch'ufa durooma eeba isaa, ta inni Kristo Yeso keesa qabu, nu agarsiisu.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Ee Israeli AABBO Waaqa abdad'i, jaalalti isaa ind'umatu, inni hojja ch'ufa kurfo jira, aka si baasu.


Anini Waaqa kad'ad'a, aka inni durooma guddinna ufitiini jabeenna Lubbu Qulqullo ta garaa keesani jabeesitu isanii kennu,


Isani eeba Aabbo keenna Yeso Kristo imbeetani: inni dureesa, ammo maro teesaniifi ufi hiyyoomse, aka hiyyuma ufitiini isani duroomsu.


Hegeri arjoomafi naasufi obsa isaa tuffatta. D'uguma arjooma Waaqa, aka inni daba ira si deebisu fed'u, inagarta.


Waaqi aka keeti injira? Ee AABBO Waaqa, atini ch'ubbu namaa araaramte wollaala gumi teeti ta hafte biraa deemtaafi. Atini haga jiru jireenna indallantu, ammo atini jaalala tante ta ind'umanne nu garsiisu feeta.


Maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani, keenna ch'allaaniti ammo ka nama lafa ch'ufale.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Petroni waan jed'eeni, Daba iraa deebia, isaniini ch'ufti maqa Yeso Kristotiini batifama, aka daba keesani isanii araaramani; duuba qarqaarsa Waaqa ka Lubbu Qulqullo argattani.


akuma Ilmi Nama, aka nami isa hojattufi ind'ufiini, ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasu d'ufe.


ato nu si dinnele, atini naaso, namaa araaramta.


Maro naasutifi malaikaani waan jettu, Isa gad'iisi, isa fulla ekherati gabu d'owi. Anini ya waan isaani baasu arge, kuno tana.


Jaalalti tana: waan nu Waaqa jaalannefiiniti, ammo waan inni nu jaalate, Ilma ufi nu erge, akanaani maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani.


Tanaafi ufiifi hooliye Lubbuuni Qulqullooni isaniti kennitele qorqorad'a, aka gumi Aabbo ta inni d'iiga ufitiini bitate nyaachiftani.


Ee AABBO, nu d'agayi, AABBO, nuu araarami, AABBO nu ch'aqasi, nu qarqaari! Aka nami ch'ufti aka atini Waaqa si beekhu, AABBO, hurrisi nu qarqaari! Dirafi gumiini tunileeni teeti.


Nami tokoleeni deebie nama gosa isaa yokhaani oboleesa isatini, AABBO Waaqa beekhi jed'e, imbarsiisu; wonti akanatiifi worri ch'ufti, diqaafi guddaleeni, na beekha. Anini daba worraa araarameefi ch'ubbu worraale deebie inqaabad'u. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Atini nuu dansa, ch'ubbule nu araaramta. Ammalle nama si kad'atu ch'ufa jaalala tante ta ind'umanne garsiifta.


Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Anini gumi Waaqa ch'ufa maand'a qit'issu, ammo Waaqi huji gosa d'ibiti Odu Dansa odeesani nati kenne, aka durooma Kristo ka ind'umanne barsiisu,


Raagi ch'ufti isa d'ugeesa, aka maro maqa isatiifi nami isa d'ugefatu ch'ufti araarama argatu.


Nama isani daba araaramtaniifi ch'ufa inaraaramaniifi; ka isani araaramufi diddani ch'ufti araarama inargatu.


Inni waan jed'e, Kunini d'iiga kiyya, ka wold'aqisa, ka nama hedduu jige.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Goraade, kai, tissitu tiyya, ta ree naa tissitu, had'i ijeesi; duuba reeni gargari bitinoofti. Anini gumi tiyya had'a,


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Gaafa guyyaani suni gahe, madda ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu dabafi t'uri iraa qulqulleesitu banani.


Wonti akanatiifi Waaqi guddiseti Lubbu ufi nura buuse, maro Yeso Kristo Qarqaarsa keennatiifi,


ka nafa ufii kenne akasiini nama ch'ufaa baasu. Guyyaani geennaani, dubbi suni ya d'ugeesani.


Duri isani maro daba keesanitiifi, ammalle waan gosa d'ibi ta Seera qabanqaba jala injirre taataniifi dootani. Ammo amma Waaqi ya kristo woliini isani ijeese! Waaqi ya daba keenna ch'ufa nu araarame.


Wonti anini waan kana tolchuufi aka garaani worraa jabaate, worri ch'ufti jaalalaani wolti mataqe, dubbi d'uga ta hubachaani d'uga d'uftuuni argatu. Kara kanaani waan Waaqi duri d'osse argatani, wonti sunileeni Kristo.


Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.


Ammo naasuuni Waaqa guddo; inni guddo nu jaalata;


Ammalle inni durooma guddinna ufi mullisu fed'e, ka eele ta inni nahufiti naqani, worra inni kurfeese aka guddinna ufi qooduufi.


Tanaafi daba iraa deebia, Waaqaati fuula deefad'a, aka inni daba isani iraa d'iqu,


aka haga Yerusalemu iti keyatani iraa deebitifi araarama daba maqa isatiini gosa ch'ufati odeesu malani.


Aka waan baafama, ka araarama daba namaa d'ufuuni, gumi isaa barsiiftu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Maro d'iiga sorio wold'aqisa ta nu woliini tolfannefi, anini gumi teesani boola bisaani inqamne keesaa baasa.


Ammo hataatu, Waaqi daba isanii araaramu anuma, anini fed'uma tiyyafi akasi tolche. Anini deebie daba keesani isaniti inheregu.


Anini kakhu tiyya ta d'aloota kunki kunki jabeese ch'ubbufi hameenna worraa araaramafi; ammo anini d'aloota sadeesotiifi ka afreeso ka abbootini worraa daba tolchite ingaargalcha.


Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani.


Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi.


Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, wonti kunini waan anini gaafa qara worra kiyya jiru jed'eeniti? Wonti anini hurrise kae lafa Tarshishiti baqad'eefi suni! Anini imbeekha, aka atini Waaqa eebafi naasufi obsafi jaalala haga jirtu ind'umanne qabu, ka herega ufii jijire namaa nahu.


Ammo atini nuu araaramta tanaafi si sodaanna.


ch'ubbu teenna nuu araarami, akuma nuleeni nama nuti ch'ubbame araaramnu.


Waaqi ya isa sorio namaa tolche, aka maro d'iiga isatiifi daba namaa araaramani. Araarama kana yo d'ugefatani argatani. Wonti Waaqi Kristo sorio tolcheefi, aka d'uga ufi agarsiisu. Duri Waaqi obse wollaala bira namaa dabre;


ta inni guddise nuu kenne waan guddo! Qalbifi malte isaatiini


Lubbuuni tuni qabdo teenna, aka nu waan Waaqi nu kakhate argannu nu agarsiifti, ammalle aka Waaqi balchoomsa d'uga worra ufiti kennu himti. Guddinna isaa faarsina!


Wonti anini kad'ad'u, aka qalbiini teesani banamte ifsa isaa argitani, aka isani abdi inni iti isani yaameefi eeba durooma ta inni gumi isaati kakhate hubattani,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite