Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 1:6 - KITAABA WAAQA

6 Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 1:6
41 Referans Kwoze  

Inni ya jabeenna dukana keesaa nu baase, nagayaani finna Ilma isaatiini nu gahe.


Tanaafi nu worri qara Kristo heregatu guddinna Waaqa faarsina!


Waaqi kiyya, durooma Kristo Yeso keesa jiru ch'ufaani waan isani feetani ch'ufa isani kenna.


Qonqooni gubba baate waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, inni guddo na gammachiisa.


Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.


Jireenni keesani waan dadansa ka Yeso Kristoni fed'uuni guutama, aka maqa Waaqa guddisani faarsani.


Lubbuuni tuni qabdo teenna, aka nu waan Waaqi nu kakhate argannu nu agarsiifti, ammalle aka Waaqi balchoomsa d'uga worra ufiti kennu himti. Guddinna isaa faarsina!


Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.


Worri sunini gumi anini uume tiyya tolfad'e, tanaafi isiini na faarsiti.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Wonti kunini ch'ufti maro teesaniifi taate; duuba akuma eebiti Waaqa nama heddu geetuuni, nami galata Waaqaa deebisa, aka maqa Waaqa guddisani.


AABBO Waaqi waan jed'u, Hojattuuni kiyya ka anini jabeesu kuno kana, inni nama ani fohad'e, isumati na gammachiisa. Anini ya lubbu tiyyaani isa guute tanaafi gochiti ch'ufti maqa isaatini d'uga argatti.


Aka d'akha jiru koota, aka mana lubbutiini isani jaarani, aka qaalole qulqullo taatani, sorio dansa ta Waaqi fed'u Aabbo Yeso Kristo keesa baaftani.


Wonti anini kad'ad'u, aka qalbiini teesani banamte ifsa isaa argitani, aka isani abdi inni iti isani yaameefi eeba durooma ta inni gumi isaati kakhate hubattani,


Worra Kristo Yeso keesa jiru qorsumaani inhamneefi.


Maro waan kanatifi Abbaani na jaalata, maro anini jireenna kiyya baasuufi aka deebie fud'ad'u.


Abbaani Ilma jaalate waan ch'ufa harka isati kenne.


Guddinni gara Waaqa gubba ha tahu: Lafa keesale nageenni ha tahu gara jara inni eebisu.


Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.


AABBO Waaqi waan mid'aase ch'ufa woumafi mid'aase, ch'ubbichale aka balleesuufi uume.


isaani takaa tahu. Anini ammatana d'uga nami Seera guutu argatu tokole inqabu. Anini amma d'uga ta d'ugefacha Yeso Kristotiini argatani qaba, d'uga Waaqa biraa d'uftu, ta d'ugefachaani argatani.


Wonti inni waan kana tolcheefi, aka hojja ch'ufa durooma eeba isaa, ta inni Kristo Yeso keesa qabu, nu agarsiisu.


Diri kunini gammadafi ulfinnaafi gurraani naa d'ufa; ammalle gochiti ch'ufti sodaate mudamti, hojja waan dansa anini worra Yerusalemuti tolcheefi hormaata anini dira sunitini d'ufu d'ageetu.


Gaafa inni hayyu tahu, worri Yuda soda nyaapa jalaa bahe, worri Israelileeni nagayaani taa. Maqaani isaani yaamani AABBO Waaqi d'uga keenna.


Akuma sanyini fach'aasini baate latu, akasuma AABBO Waaqi guddaani gumi ufi baase gochiti ch'uftileeni isa faarsiti.


nama Sioni keesati bohu jiru ch'ufa fulla laalala gammadafi qilit'ama kenne, fulla laalefacha faaru d'aachisu. Worri mukeeni AABBO Waaqi oobre fakaata. Worri ch'ufti waan dansa tolche, Waaqale waan inni tolcheefi faarsani.


Goraade tana jalaa na baasi lubbu tiyyale sareele tana duraa baasi.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Goraade, kai, tissitu tiyya, ta ree naa tissitu, had'i ijeesi; duuba reeni gargari bitinoofti. Anini gumi tiyya had'a,


Irre tanteetiini nu baasi, kad'acha teenna nu d'agayi, aka nami atini jaalatu lubbu bahu.


Qaallichu ha sabaliisa suni toko sorio dabaani ufi iraa baasani baase, kaani sorio gubani baasani baasu. Akanaani inni aada nama sunini qulqulleesani guuta.


Worri saa kud'ani toko qorani kaani d'umnaani beese huji guyya toko argate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite