Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 1:5 - KITAABA WAAQA

5 Waaqi ya qara nu fohate, aka kara Yeso Kristotiini ufitiini nu d'ufe ilmaani ufi nu tolfatu, fed'i isaa gula.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 1:5
32 Referans Kwoze  

Waan ch'ufa fed'i herega Waaqa gula tolchani ammalle Waaqi fed'i ufitiini Kristo keesa nu fohate nama ufi nu tolfate, herega isaa ka qara kaani gula.


Haga Abbaani nuu jaalate ilaala! Jaalati isaa waan guddo, tanaafi ijoolle isaa nuuni jed'ani, nuleeni akasuma. Wonti nami lafa nu imbeenneefi waan Waaqale imbeenne.


Ammo nama isa fud'ate maqa isaa d'ugefate ch'ufa inni jabeenna kenne, aka ijoolle Waaqaa tahani.


Uumama ch'allaaniti, nu ka mid'aani qara ka Lubbu qamnu, nuleeni, ato aka Waaqi d'ufe ilmaani isaa nu tolfate nu baasu teteenne eegannu imboonayu.


Wonti akanatiifi maro d'ugefachatiifi isani Yeso Kristo keesa ilmaani Waaqa taatani.


Anini abba keesani tahe, isani ilmaani tiyya ta d'iiratifi ta dubra taatani, Aabbo Guddaani akana jed'a.


Nami dabsatu waan kana nara argata: Anati Waaqa isaa tahe, inni ilma kiyya taha.


Ammo ato akasile taate, worri Israeli hore aka maansa baariini lafa ira dabra, ka nami dandae inhenne. Qara Waaqi, Isani nama kiyyaniti jed'eeni, ammo guyyaani ind'ufa, ka inni, Ilmaani Waaqa jiru jed'uuni.


Waaqi waan qara herege tolche, waan d'ossa, ka inni Kristoni, guutu duratu nu beesise.


Inni gosa Yahudi ch'allaa induu, ammo aka gumi Waaqaa ta gargari firfirfamte wolti deebise taka tolchuufi dua.


AABBO Waaqi waan jed'u, Israeli anini ilma isani tolfad'e, lafa dansa lafa ch'ufa iraa mid'aadu isanii kennu fed'e. Ammalle waan isani aabbo nani jettanifi waan isani deebitani naraa gortani inseenne.


Wonti nu hojja ch'ufa Waaqa isanii kad'annuufi tana. Nu Waaqa keenna isanii kad'anna, aka isani jireenna inni iti isani yaame argattani. Jabeenna isaatiini inni yaada dansa ka isani feetani isanii kenne huji teesani dansa ta d'ugefacha guutinna.


Hojuma suni inni gammada Lubbu Qulqullotiini waan jed'e, Galata si deebisa, Aabbo, Abba lafafi gubba, waan atini waan kana qarofi nama wo beekhu d'ossite ijoolle didiqo garsiifteefi. Ee, Aabbo, wonti akana kuni fed'i tanteti.


Wonti akanatiifi Waaqi qalbi ufitiini nama qalbuma worraatini ufi hubachiisu d'owe, Waaqi qalbi ufitiini daalluma odu nu odeesiinutini nama d'ugefatu baase.


Yesoni waan isiini jed'e, Naa inqabatini, anini qara gara Aabbo olindeemne. Ammo gara oboleyaani tiyya d'aqi waan jettuuni, Anini gara Abba kiyyatiifi Abba keesani, gara Waaqa kiyyatiifi gara Waaqa keesani oldeema, jed'i iti himi jed'e.


Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.


Ee Aabbo, tunini fed'i teeti.


Guyya qorsuma jari Ninawi kae isani himata. Wonti akanatiifi worri dubbi Yona d'ageennaani daba iraa deebie; ammo hubad'a, nama Yona ira jiruti arma jira.


Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.


Maqaani kiyya Paulo, ka fed'i Waaqatiini yaamani aka ergattu Kristo Yeso tahu, ammalle oboleesa keenna Sosthene woliini jirra —


Ammo haga isiini ilma deetuti niiti intolfanne. Jennaani Yusufuni maqa isaa Yeso baase.


Ammatana waan nani jettani, Atini abba keenna, haguma ijoolluma teennati asi nu jaalata.


Insodaatiina, gumi diqo! Wonti akanatiifi Abbaani keesani Finna isaa isanii kennu fed'a.


Gochiti d'ibiini waan kana d'ageennaani gammadde dubbi Aabbo faarsite; nami aka jireenna hegeri argatu fohatani ind'ugefate.


Maro fed'i Waaqaatiifi Ilmi qit'ooma Waaqaa ufi keesaa qaba.


Waaqileeni d'uga ufi ta worrati dare, akheekhafi waan mamatiifi waan jabdu heddu tolche. Ammalle Lubbu Qulqullo fed'i ufi gula namaa qoode.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite