19 ammalle aka jabeenni isaa, ka nu worra isa d'ugefate keesa hojatu gudda hubattani. Jabeenni kunini
Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.
Gara isa, ka dandae waan nu kad'annu ira nuu kennu yokhaani waan nu herennule ira, maro jabeenna nu keesa hojatuufi:
Wonti akanatiifi gaafa isani batisani, Kristo woliini isani awaalani, ammalle batiso teesani keesa Kristo woliini duisa keesaa isani kaasani, waan isani jabeenna Waaqaa, ka duisa keesaa isa kaase, d'ugefattaniifi.
Ammo nu worri hori lubbu kana qabu aka okote faara jirra, aka nu jabeenna inqamne ammo Waaqi jabeenna gudda qabu agarsiisani.
Aka waan kana guutu anini gaargale hojad'e irre jabdu ta na keesa hojatu; ta Yeso Kristoni na kenneeni.
Dubbi buufata, Aabbo keesa jabaad'a, irre isaa guddooni.
Waaqi eeba ufitiini hojattu Odu Dansa na tolche, eeba suni jabeenna huji ufitiini naa kenne.
Nu uumama Waaqaati, ammalle Kristo Yeso keesa inni ya nu uume, aka huji dansa ta inni herege nu kurfeese ke teennu.
Wonti akanatiifi anini Odu Dansa iraa inch'eeru: isiini jabeenna Waaqa ka worra d'ugefate ch'ufaani baasani, qaraa fiit'e Yahudi eegi suni gosa d'ibi.
Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.
Wonti nu hojja ch'ufa Waaqa isanii kad'annuufi tana. Nu Waaqa keenna isanii kad'anna, aka isani jireenna inni iti isani yaame argattani. Jabeenna isaatiini inni yaada dansa ka isani feetani isanii kenne huji teesani dansa ta d'ugefacha guutinna.
Gumiini waan isani jettu, Eenuti d'aamsa keenna d'ugeefate? Eenuti dandae waan AABBO Waaqi tolche waan kana keesati arga?
Nu Odu Dansa afaani ch'allaani isanii ind'umneeni, ammo jabeennaafi Lubbu Qulqullofi d'uga malaikatini isanii d'umne. Aka nu gaafa isani woliini jiru teenne imbeetani; nu maro dansuma teesaniifi teenne.
Yo nami Kristoni taka tahe inni uumama haraa: wonti dullatiini ya dabarte, hareetiini ya d'ufte.
Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.
Nafi nafa d'ala, Lubbuuni lubbu d'alti.
Inni nafa keenna lalaafa garagalche, aka nafa isaasaa ka guddinna, tolcha, irre inni waan ch'ufa harka ufi jalati deefatuuni.
Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.