Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 9:12 - KITAABA WAAQA

12 Gaafa Kristoni waaro ke bahe dabre Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullo maro toko keesa seene, inni d'iiga sorio reetiifi ka yabiye imfud'anne; ammo d'iiguma ufi fud'ate, baafama hegeri nuu tolche.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 9:12
32 Referans Kwoze  

Wonti akanatiifi d'iigi koromitiifi ka ree dandae daba imbaasu.


Maro waan kanatifi Kristoni nama wold'aqisa haraa kurfeesu tahe, aka worri Waaqi yaame eeba hegeri ta Waaqi kakhate argatu. Wonti woni kuni taatuufi, maro duisi jiruufi ka wollaala wold'aqisa qara jalati tolchani, keesaa nama baasu jiruufi.


Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,


Inni qit'oomnaani, abba baafama hegeri ka nama isa saalfatu ch'ufaa tahe,


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


Tanaafi oboleyaani tiyya, nu Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullo, maro d'iiga Yesotiifi, soda male seenu indandeenna.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


Inni aka qaalole gugurdo taani injiru ta guyya ch'ufa sorio qaltu, qara maro daba ufitiifi, ammalle maro daba namale. Inni sorio toko baase, taka quba ch'alla, gaafa nafa ufi baase.


Eeegi suni inni waan gumiini baafte baase, korbeesa daba gumitini baasani fuud'e korbeesa daba gumitini baasani fuud'e qare sorio baase, akuma inni sorio daba isaatini baasani taani baase.


D'iiga reetiifi ka koromitiifi daara jibicha sorio baasani nama qulqullo intahiiniti firfirsani, t'uri worraa iraa fuud'ani worraa qulqulleesani.


Inni ifsa guddinna Waaqatiini biliqa, akuma Waaqi jiru innileeni jira, waan uumani ch'ufa dubbi jabeenna isatiini olqaba. Eegi daba nama iraa qulqulleese, inni gubba harka mirga ka Waaqa Guddinna gubba tae.


Ilma isaa ka gubba gadi d'ufu eegattani, Ilma isaa Yeso, ka inni duisa keesaa kaase, dalansu Waaqa ta hegeri d'uftu duraa nu baasu.


Anini Yoshua dura d'akha toko, ka moga torba qabu, kaya. Anini d'akha suni irati wo t'aafe, duuba guyya tokooni ch'ubbu lafa tana iraa fuud'a.


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


Ilma suniti nu balchoomse daba keenna nu araarame.


Tanaafi ufiifi hooliye Lubbuuni Qulqullooni isaniti kennitele qorqorad'a, aka gumi Aabbo ta inni d'iiga ufitiini bitate nyaachiftani.


ammo nami Lubbu Qulqullo arabsu araarama inargatu, haga hegeri daba qaba.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Harunifi ilmaani isaa fulla balbala Waaro Woyyuma geesi, woya qaallutifi d'ad'a namaani muudanifi jibicha korma ka qalani dabaani nama iraa baasanifi elemiye lamafi ammalle dadu qit'a bukho inqamne kootiini.


ammo qaallu gudda ch'allati Waaro gaara keesa keesa seena, ammalle waan kana ganna keesati maro toko ch'alla tolcha. Qaalluuni kaani d'iiga fuud'e, aka maro ufitiifi, maro worra ato imbeekhiini daba tolcheefi, jed'e Waaqaa baasa.


Yo nami ch'ubbu suni tolche qaallicha gudda tahe, akasiini ch'ubbuuni gumi qabatte inni ha jibicha korma ka aabo inqamneeni d'ufe, maro ch'ubbu isaatiifi AABBO Waaqa durati qale sorio baasuti.


Duuba eegi inni ha korbeesa sorio daba gumitini baasani qale, d'iiga isaa Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullootini d'ufe, qadaada gubbafi Sanduqa Wold'aqisa durati fifi'uti akuma inni d'iiga korma kaani tolche.


Aabbo Waaqi Israeli ha eebifamu: Wonti akanatiifi inni gumi ufi qarqaare baasu d'ufe.


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


Qaraa fiit'e Musani Seera kitaaba Seera keesati t'aafani nama ch'ufati hime. Jennaani d'iiga yabiyetiifi ka korbeeyitifi bisaani fuud'e, kitaaba Seeratiifi nama ch'ufati qumbiifi butu diimtuuni fifit'e.


Maro waan kanatifi Yesoleeni balbala dira alati due, aka d'iiga ufitiini daba nama iraa qulqulleesu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite