6 Ammo Yesoni ya huji qaalluma ta ta worra iraa jirtu argate, akuma wold'aqisi inni Waaqafi nama jidduti tolcheleeni ira dansa. Wonti akanatiifi wold'aqisi sunini kakhu waan ira dansa qaba.
Kara kanaani, inni ya kakhu dansa, ta guddo wo nu baatu nuu kenne, aka eegi waan inni kakhate argattani, d'araa badi, ta lafa tana keesa jirtu, duraa baatani, Waaqa fakaattani, jireenna isaa qoodattani.