4 Yo sila inni lafa jiraate, qaallu tahu indandau, waan, aada Seera Yahuda gula, qaaloleeni galata baaftu jirtuufi.
Qaallu gudda jiddu nama keesaa fohatani, aka maro namatiifi Waaqa hojatu. Inni waan Waaqaa baasaniifi sorio ta daba baaftu baasa.
Siifi ilmaani tante ch'allati huji Fulla Qulqullootifi ta waan sorio irati baasani hojata aka dallansuuni tiyya deebite worra Israeli ira imbune.
Tunini gorsa worra Israeli gorsani, aka nami d'aloota Haruni keesa injirre, ka qaallu intahini, d'ufe hit'aana AABBO Waaqa durati inaarsine. Yo inni akasi tolche, isa akuma korafi worra isaa balleesani. Waan kana ch'ufa akuma AABBO Waaqi Musani Eliazariti himi jed'eeni tolchani.
D'ugefachati Habili sorio ta Kaini ira dansa baasise. Maro d'ugefacha isatiifi Waaqi, Nama d'uga isaani jed'e, waan Waaqi sorio isaa fud'ateefi. Maro d'ugefacha isatiifi Habilini arrale dubbata, ato duele.
Inni aka qaalole gugurdo taani injiru ta guyya ch'ufa sorio qaltu, qara maro daba ufitiifi, ammalle maro daba namale. Inni sorio toko baase, taka quba ch'alla, gaafa nafa ufi baase.
Qaallu gudda ch'ufa aka inni galatafi sorio Waaqaa baasu fohatani, tanaafi qaallichi keenna guddaleeni wo baasu male.
Akheekhi kunini ammalle waan arra hima. Galatafi sorioni, ta Waaqa baasani, dandeete garaa nama Waaqa kad'atu inqulqulleesitu.
Qaaloleeni Yahudi ch'ufti guyya ch'ufa huji ufi hojatte sorio takati maro heddu baafti. Ammo sorioni tunini daba keesaa nama imbaaftu.