Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 8:11 - KITAABA WAAQA

11 Nami tokoleeni gaafasi nama d'ibi imbarsiisu, yokhaani nami tokoleeni oboleesa ufitiini, Aabbo beekha injed'u. Wonti akanatiifi worri ch'ufti na beekha, diqaafi guddaani worraleeni.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 8:11
18 Referans Kwoze  

Nami tokoleeni deebie nama gosa isaa yokhaani oboleesa isatini, AABBO Waaqa beekhi jed'e, imbarsiisu; wonti akanatiifi worri ch'ufti, diqaafi guddaleeni, na beekha. Anini daba worraa araarameefi ch'ubbu worraale deebie inqaabad'u. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Anumati ilmaani tante barsiise nagayafi hormaata kenneefi.


T'aafi raaga keesa waan jed'ani, Nama ch'ufa Waaqi imbarsiisa. Nami dubbi Abba d'agaye barate ch'ufti gara kiyya d'ufa.


Yayu muudani; haga Lubbuuni suni isani woliini jirtu, nama isani barsiisu imfeetani. Lubbuuni waan ch'ufa isani barsiifti, wonti isiini isani barsiiftu waan d'ugaati, d'araaniti. Barsiisa Lubbu ch'aqasa, Kristo keesa taa.


Anini herega worri aka anini AABBO Waaqa beekhuni worraa kenna, duuba worri gumi tiyya tahe, aninileeni Waaqa worraa taha; wonti akanatiifi worri garaa tokooni nati deebia.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Nami ch'ufti dubbi isaa ch'aqase, diqaafi guddaleeni waan jed'e, Namichi kunini humna Waaqa ta Humna Guddo jed'aniini.


Ammo akuma bisaani baariini guutani, akasuma lafti beekhuma guddinna AABBO Waaqatini guutamti.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.


Duuba akanaani nami ch'ufti imbeekha aka anini Israeli qorqorad'u, aka worrileeni gumi tiyya. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa gudda.


Ezra, atileeni, qarooma Waaqi kanke sii keenne kanaani, jaarole lafa fidduufi jaallaboota, worra lafa Efrati ka Seera Waaqa kanketi keesati fidamu fiddu, fohad'i. Nama waan Seera suni imbeennele ch'ufa barsiisi.


Hezekiani worra Lawi huji worri aka dansa AABBO Waaqa hojate suni iraa gammade aka male owise. Eegi worri guyya torba sorio qale AABBO, Waaqa ababoota isaani faarse,


Worri Yuda ka hafe, ka amma lafa Misiri d'aqe achi tau fed'u ch'ufa imballeesa. Worri sunini ch'ufti, diqaafi guddaleeni lafa Misiri keesati woraanafi yokhaani garaachani hobaa. Nami worra arge iraa rifate worra tufate maqa worratiini woli abaara.


Nami ch'ufti, diqaafi guddaleeni kara dabaatini beese horachu fed'a; raagootafi qaaloleleeni sobde biyya dabsiti.


Jennaani jari gugurdaani askarti ch'ufti Yoanani ilma Kareatifi Azaria ilma Heshayatifi nama diqaafi guddaale ch'ufa woliini d'ufani,


jennaani anini Yohananifi jara gugurda askarti, ka isa woliini jirufi jara kaani ch'ufa wolti yaame


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite