Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 7:25 - KITAABA WAAQA

25 Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 7:25
44 Referans Kwoze  

Eentu dandae wollaala worrati mura? Kristo Yesoni la due, ammalle la duisa keesaa kaasani harka mirga ka Waaqa teesisani; inni Waaqa nu kad'ata.


Wonti akanatiifi Waaqa toko ch'allati jira, ammalle ka Waaqafi nama woltiini d'ufu namicha toko, ka Kristo Yeso jed'ani,


Gara isaa ka dandae jigu isani d'owe, wollaala male gammadaani guddinna isaati isani geesu.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Maro Kristotiifi nuuni ch'ufti, gosa d'ibiifi Yahudileeni, Lubbu takaani fuula Abba dura d'umna.


Inni ya d'ugefacha teennaani, eeba Waaqaatiini nuu d'ufe, ta nu amma keesa jiru tana. Nu maro abdi, aka guddinna Waaqa qoodannu qamnuufi gammanna!


Nami tokoleeni, d'ugefacha male, dandae Waaqa ingammachiisu. Nami Waaqati d'ufu, aka Waaqi jiruufi aka Waaqi worra isa barbaadu eebisu d'ugefachu male.


Gara isa, ka dandae waan nu kad'annu ira nuu kennu yokhaani waan nu herennule ira, maro jabeenna nu keesa hojatuufi:


Nati deebia, baafama argad'a, isani gumiini lafa ch'ufa keesa jirtu! Waaqi anuma, na male kad'ibini injiru.


Wonti akanatiifi Kristoni fakeenna fulla qulqullo, ta nami harkaani mid'aase keesa inseenne. Inni gubbati olgale, fulla inni amma maro teennaafi fuula Waaqa dura eju.


Seeri Musa dandae woma tokole inqit'eesu. Amma abdi d'ibiini ya d'ufani, ta Waaqati nu d'ieesitu.


Inni aka nami nama dabsani qarqaaru injirre arge mame laalefate. Tanaafi inni harka ufitini worra suni baase dabsachiisa.


Waan isani maqa kiyyaani kad'atani ch'ufa ani intolcha, aka guddinni Abbaa Ilma keesaa mullatu.


Achini bahe jennaani qonqo laalalatini Danieli yaame waan jed'e, Danieli, hojattu Waaqa jiru Waaqi atini d'ugeefatu nyeench'a duraa si baase?


Yo goola ibida keesa nu buusani, Waaqi keenna, ka nu hojannu, dandae nu baasa, ammalle inuma harka kanke keesa nu baasa, ee hayyicha.


Ato anini sila fulla inni jiru beekhe fulla inni tahu d'aqe, akami dansa!


Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.


Tanaafi anini fulla guddinna ta hayyooti gugurdoni irre qabdu teetu isaa kenna. Waan inni fed'i ufitini jireenna ufi baase worra ch'ubbu woliini duefi. Inni ch'ubbu nama heddu fed'ate, ammalle aka ch'ubbu worra suni araaramanifi Waaqa kad'ate.


Waan kanaafi nu hojja ch'ufa faaru teenna aka sorio Waaqaa baasu malle, maqa Yesotiini; akasi jechaani hojja ch'ufa qonqo teennaani maqa isaa faarsina.


Kunini eenu, ka dira Bosra ka lafa Edomuti d'ufu? kunini eenu, ka woya diimtu mid'aadu keeyate, irre ufi guddooni deemu? Inni AABBO Waaqa, ka irre namaani baasu qabu, ka d'uga ch'alla dubbatu.


Seerafi aada namaa gula inni qaallu intaane; ammo jabeenna jireenna muumme inqamnetiini qaallu tahe.


Duuba waan isale duri ilaalatani garagalchaniifi, inni dandae worra ilaalatani inqarqaara.


Inni nafa keenna lalaafa garagalche, aka nafa isaasaa ka guddinna, tolcha, irre inni waan ch'ufa harka ufi jalati deefatuuni.


Duuba anini Abba kad'ad'a, aka qarqaarsa d'ibi isanii ergu, aka inni haga hegeri isani woliini tau.


Isani ch'ufti ka AABBO Waaqa iraa gortani, isati deebia; inni isani fayyise nama d'uga isani tolcha. Isani waan jettani, nu AABBO Waaqati deebina, inni Waaqa keenna.


Worri na baane, AABBO Waaqa ch'alla keesa d'ugaafi jabeenni jira jed'a. Nama isa jibbu ch'ufti yo isati d'ufu ch'eera argata.


maro waan kanatifi anini akana gaargala. Ammo anini ammalle inch'eerfad'u, waan anini nama abdad'e beekhufi, ammalle imbeekha aka inni haga guyyaani gahuuti waan inni harka kiyyati kenne qorqoratu.


Anini amma seera baasa: Yo nami gosafi d'alootafi afaani tateefu Waaqa Shadrakatifi ka Meshekitifi ka Abednego tufate arabse, nama suni ha harkaafi miila iraa ch'irani mana isale onsani balleesaniti. Waaqi d'ibiini tokoleeni ka dandae akana nama baasu injiru.


Ammo Yesoni haga hegeri jira, duuba hujiini isaa ta qaalluma nama d'ibiti indabartu.


Atini duri ya nuu kalchite, tanaafi amma Yerusalemuti deebite indalanini. Inni dira kanketi, gaara kanke qulqullo. Nami lafa nu d'aatu jiru ch'ufti, Yerusalemufi gumi tante tufata wonti suni ch'ufti maro ch'ubbu teennatifi waan hamtu ababooti teenna tolchiteefi nu d'aqabde.


Amma tana akuma qonqo magalatatiifi ta dibbetifi ta bilbilatifi ta kiraaritifi fulludoofi ta miha sirba d'ibi ch'ufa d'ageetanini gajed'a akheekha suni kad'ad'a; ammo yo kad'achu baatani, hojuma suni goola ibida keesa isani buusani. Waaqa kamiti harka kiyya keesaa dandae isani baasa?


Isa keesa waan nu isaa d'ugefanneefi, fuula Waaqa dura d'ufu indandeenna, ch'eerafi soda male.


Qaaloti qooda kud'anneeso nama iraa guurtu indooti; ammo Melkizedekiini ka qooda kud'anneeso nama iraa guure, akuma t'aafiini jettu ammalle injira.


Worri waan Waaqaani jed'e, Nu biraa deemi, Waaqi guddaani, maani dandae nu tolcha?


Nu duri nyaapa Waaqaati, ammo inni duisa Ilma ufitiini jaalaani nu tolfate. Amma nu jaalaani Waaqaati, tanaafi jireenni Kristo hagasi ira nu baasa!


Wonti akanatiifi Waaqi qalbi ufitiini nama qalbuma worraatini ufi hubachiisu d'owe, Waaqi qalbi ufitiini daalluma odu nu odeesiinutini nama d'ugefatu baase.


Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite