Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.
Kunini eenu, ka dira Bosra ka lafa Edomuti d'ufu? kunini eenu, ka woya diimtu mid'aadu keeyate, irre ufi guddooni deemu? Inni AABBO Waaqa, ka irre namaani baasu qabu, ka d'uga ch'alla dubbatu.
Anini amma seera baasa: Yo nami gosafi d'alootafi afaani tateefu Waaqa Shadrakatifi ka Meshekitifi ka Abednego tufate arabse, nama suni ha harkaafi miila iraa ch'irani mana isale onsani balleesaniti. Waaqi d'ibiini tokoleeni ka dandae akana nama baasu injiru.
Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.