Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 7:19 - KITAABA WAAQA

19 Seeri Musa dandae woma tokole inqit'eesu. Amma abdi d'ibiini ya d'ufani, ta Waaqati nu d'ieesitu.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 7:19
29 Referans Kwoze  

Maro isatiifi nami d'ugefatu ch'ufti waan ch'ufa keesati d'uga argata, ka duri Seera Musa gula nami d'uga argachu indandeenne.


Tanaafi jabaanne, barch'uma Waaqati d'ufu male, fulla eebiti jirtu. Achiti naasufi eeba arganna, ta hojja nu d'iba qabaanne nu qarqaartu.


Akheekhi kunini ammalle waan arra hima. Galatafi sorioni, ta Waaqa baasani, dandeete garaa nama Waaqa kad'atu inqulqulleesitu.


Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.


waan Waaqi waan hagasi ira dansa nuu heregeefi. Heregi isaa kana, nu male worri inqit'au.


Seeri Yahudi fakeenna dansa ka waan d'ugaatiniti. Ammo inni gandidu waan dansa ka hegeri d'ufu ch'alla. Sorio takati ganna ch'ufa qalani baasani. Seeri yoosi akami dandae, sorio tanaani, worra Waaqati d'ufu qulqulleesa?


Duuba waan lamati jira, ta injijiramneefi ta Waaqi dandae irati inkiyyimne.


Inni ya d'ugefacha teennaani, eeba Waaqaatiini nuu d'ufe, ta nu amma keesa jiru tana. Nu maro abdi, aka guddinna Waaqa qoodannu qamnuufi gammanna!


Ammo Yesoni ya huji qaalluma ta ta worra iraa jirtu argate, akuma wold'aqisi inni Waaqafi nama jidduti tolcheleeni ira dansa. Wonti akanatiifi wold'aqisi sunini kakhu waan ira dansa qaba.


Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.


Ammo nu imbeenna, aka d'ugefacha Yeso Kristotiini d'uga namaa heregani, Seera guutitiini woma keesa injirtu. Wonti nuleeni Kristo Yeso d'ugefanneefi aka d'ugefacha nu Kristo d'ugefanneeni d'uga nuu heregani, ammo Seera guutitiini intaatu. Wonti akanatiifi Seera guutitiini nama tokole d'uga inheregani.


Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.


Ammo anini gama kiyyaani, yo Waaqati d'iaad'e, guddo ira naa jirti; nami anini iti baqad'u AABBO Waaqa gudda; waan atini tolchite anini biyyati odeesa.


Aada qaalluma Lawi gula Seera gosa Israeliti kennani. Yo sila aadaani qaalluma Lawi sunini qit'e taate, wonti qaalluuni d'ibiini, ka aada Melkizedeki, ka aada Haruni intahiini, d'ufuufi injirtu.


Maqaani kiyya Paulo, anini ergattu Kristo Yeso, fed'i Waaqa Qarqaarsa keennatiifi ta Kristo Yeso abdi keenna gula.


Heregi Waaqa kana: aka waan guddo mama ka duri d'ossani amma gumi ufiti mullisu. Wonti qara d'ossani suni tana: Kristoni isani keesa jira, wonti kunini aka isani guddinna Waaqa argattani agarsiifti.


Isa keesa waan nu isaa d'ugefanneefi, fuula Waaqa dura d'ufu indandeenna, ch'eerafi soda male.


Tanaafi gaafasi Seera suniti nu qorqorate, aka haga Kristoni d'ufuuti nu barsiisu, aka d'ugefachaani d'uga nuu heregani.


Waaqi Seera ufii Musani namaa kenne, ammo eebafi d'ugaani kara Yeso Kristotiini d'ufte.


na jalaa owaate, insodatini nani jette.


Maani jenna re? Seeri dabdicha jenna? Hiyyo, akasiiniti. Ammo Seerati aka dabi jiru na barsiise jenna. Wonti akanatiifi ato sila seeri, Woma ind'araiini naani injed'iini, anini d'arayu waan imbeekhu.


Wonti kunini aka Seeri khakhu Waaqaatiini morku agarsiifti? Hiyyo, akasiiniti! Wonti akanatiifi yo Seera nama jireesu namaa kennani, nama dandaani Seeraani d'uga hereganiifi.


Ammo Kristoni aka Ilma mana Abba qorqoratu waan ch'ufa guute. Nu mana isaati, yo nu waan abdannu, soda male, garaa jabaanne d'ugefanne.


Ammalle kakhu Waaqati jira. Gaafa jara kaani qaalole tolchani, kakhuuni tunini injirtu.


Nami tokoleeni, d'ugefacha male, dandae Waaqa ingammachiisu. Nami Waaqati d'ufu, aka Waaqi jiruufi aka Waaqi worra isa barbaadu eebisu d'ugefachu male.


Waaqati d'iaad'a, innileeni isaniti d'iaata. Harka keesani diqad'a, worra daba! Garaa keesani diqad'a, kiyyibdoole!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite