Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.
Fayyafi irreeni nafaa wo namaa darti, ammo fayyafi irreeni lubbu kara ch'ufaani wo namaa darti, maro jireenna ka ammatiifi ka hegerile namaa kennituufi.
Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.