Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 5:9 - KITAABA WAAQA

9 Inni qit'oomnaani, abba baafama hegeri ka nama isa saalfatu ch'ufaa tahe,

Gade chapit la Kopi




Ebrania 5:9
39 Referans Kwoze  

Maro waan kanatifi Kristoni nama wold'aqisa haraa kurfeesu tahe, aka worri Waaqi yaame eeba hegeri ta Waaqi kakhate argatu. Wonti woni kuni taatuufi, maro duisi jiruufi ka wollaala wold'aqisa qara jalati tolchani, keesaa nama baasu jiruufi.


Aki Waaqi, ka waan ch'ufa uume qorqoratu, gaargala Yesoni argateeni isa qit'oomsu fullaa, aka ilmaani heddu guddinna isaa qoodachiisu. Wonti akanatiifi nami worra dura deeme baafama worraa kennu Yeso.


Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.


Gaafa Kristoni waaro ke bahe dabre Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullo maro toko keesa seene, inni d'iiga sorio reetiifi ka yabiye imfud'anne; ammo d'iiguma ufi fud'ate, baafama hegeri nuu tolche.


Waan kana nuleeni isaa d'uga, nufi Lubbuuni Qulqulloleeni, ta Waaqi worra isa ch'aqasu kennu.


Eegi isani amma d'uga guuttani, suniini ufi qulqulleesitani, ammalle oboleyaani teesani aka dansa jaalattani, garaa keesani ch'ufaani aka dansa woli jaalad'a.


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


D'ugefachaani Abrahamuuni, gaafa Waaqi isa yaame ch'aqase, lafa Waaqi isaa kakhate d'aqe. Inni kae lafa ufi keesaa deeme, ka gara deemu imbeenne.


ibida bobauuni, aka worra Waaqa imbeenneefi ka d'aamsa qulqullo Yeso Kristo inch'aqamne gaargalchu.


Nami gari ufo, waan qajeela dideti waan hamtu gula yaa: worra akana kana Waaqi dalansu iti baafata.


Maro isaatiifi Waaqi na fohate ergattu maro maqa Kristotiifi na tolche, aka gosa ch'ufa d'ugefachiise fud'achiisu.


waan nu gufachiisa ka kara keesa jira, ka Waaqa hubachu nama d'owa balleesina: herega keenna ch'ufa Kristo kennina, aka inni mohatu.


Anini garaa jabaad'eti waan Kristoni harka kiyyafi afaani kiyyaani tolche ch'alla odeesa, aka gochiti d'ibiini Waaqa ch'aqaftu.


Isani keesaa nami AABBO Waaqa sodaate dubbi hojatu isaa saalfatu, ka ifsa male dukanaani deemu, ka maqa AABBO Waaqa abdate, Waaqa ufi d'aabbatu eenu?


maro waan kanatifi anini gumi Waaqi fohate jed'e obsa, aka worrileeni baafama Kristo Yeso keesa jiru argatu, guddinna hegeri woliini.


Ammo nami ch'ufti Odu Dansa imfud'anne. Isayani waan jed'e, Aabbo, eentu dubbi teenna d'ugefate?


Ammo galati Waaqa imbadiini! Duri isani tissele dabaati, ammo amma garaa keesani ch'ufaani barsiisa argattani ch'ufa guutani.


akamiini dandeenne baana, yo nu baafama akana kana injabeesine? Aabbooni baafama kana qara yayu hime, worri isa d'agaye, aka isiini d'uga aka dansa nu beesise.


Yesoni daad'i suni argannaani waan jed'e, La hobaate! Jennaani mataani gajed'e, lubbuuni keesaa baate.


Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.


Nami lafa fagooti d'ufe ijaarsa Mana Waaqaa qarqaara. Eegi jaarani, aka AABBO Waaqi Guddaani na erge beetani. Yo isani seera AABBO Waaqa keesani aka dansaa guuttani, wonti kuni ch'ufti intaati.


Nati deebia, baafama argad'a, isani gumiini lafa ch'ufa keesa jirtu! Waaqi anuma, na male kad'ibini injiru.


Atini d'ugaafi qajeeluma nama ira feeta, taanafi qarooma kanke naa kenni, qalbi tiyya keesa kai.


jaalala Waaqa keesa taa, ato Aabbo Yeso Kristo ka naasu ufitiini jireenna hegeri is isanii kennu eegattanu.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


waan Waaqi waan hagasi ira dansa nuu heregeefi. Heregi isaa kana, nu male worri inqit'au.


Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,


Abba Jireenna ijeeftani. Ammo Waaqi duisa keesaa isa kaase, nu d'uga waan kanaati.


Yesoni waan worraani jed'e, Beena, waan geedala suniini jettani, Anini arrafi bori jinni baase nama fayyisa, guyya sadeeso huji tiyya inhobaafad'a.


AABBO Waaqi waan nani jed'e, Anini huji jabdu sii kennu qaba, hojatu tiyya. Atini worra Yakobo galchite, worra Israeli ka hafe guddinnati deebifte; ammo hagasi ch'allaniti, anini ifsa gosa ch'ufale si tolcha, aka akasiini lafti ch'ufti baafama kiyya argattu.


Gammadaafi qilit'ama na d'ageesisi, nafi kiyya ka qara atini ch'ach'absite ha gammadu.


Faaruni tiyya tunini maqa kanke haga jiru jireenna badu d'owarte, haga hegerile nami ch'ufti si faarsa.


Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni.


Gumi tiyya, na ch'aqasa, nati koota; nati koota, jireenna argattani! Anini wold'aqisa haguma jiru jireenna jiru isani woliini tolfad'e eeba duri Dauditi kakhad'e isanii kenna.


Tanaafi oboleyaani tiyya, akuma duri gaafa anini isani woliini jiru na ch'aqaftani, ato isani ira fago jiraad'ele, ammatana hagasile ira na ch'aqasa. Sodaafi holachaani hojad'a aka baafami keesani qit'au.


Malaikaani maani re? Worri lubbu Waaqaa hojattu, ammalle isati worra erga, aka worra baafama argatu qarqaartu.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite