ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.
Ammo maro daba keennatifi isa woraanani, maro ch'ubbu teennatifi isaa d'aanani. Maro gaargala isaatiifi nu nagaya arganne, maro d'aanicha isatifi nu fayyisani.
Nami tokoleeni nara imfud'atu, ammo ani ufumaani baasa. Anini jabeenna baasuuni qaba, ammalle ka deebie fud'ad'uuni qaba. D'aamsa kana anini gara Abba kiyyati argad'e jed'e.