Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 5:12 - KITAABA WAAQA

12 Isani hojja tana jara nama barsiisu tahu maltani, ufiiftu nama waan qara ta dubbi Waaqa isani barsiisu feetani. Isani harma hod'u maltani, sagale jabdu indandeettani.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 5:12
23 Referans Kwoze  

Tanaafi barsiisa qara ta Kristo lafa d'aamne, dura deemne ta hagasi ira jajabdu barachuu malle. Nu waan yayaba d'ugefacha teenna deebine keyannufi inqamnu; ta aka huji woma imbaane iraa deebiitifa Waaqa d'ugefacha fa barsiisa waan batisotiifi ta harka ira kayanifi kaisa nama duetiifi qorsuma hegeri d'uftu.


Aka ijoolle d'io d'alatte taha, nama hojja ch'ufa aanani qulqullo ka lubbuti beelau, aka eegi d'uddani gugurdattani baafamtani.


Wonti akanatiifi nami harma hod'u ammalle ijoolle, d'arafi d'uga gargari imbeekhu.


Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.


Ilmaani tiyya koota na ch'aqasa, aka Waaqa sodaatani isani barsiisa.


Yesoni waan jed'eeni, Ee, worra d'ugefacha inqamne, ka woma imbeenne, haga yoomi anini isani woliini tau male? Haga yoomi obsa? Garana natiini koota.


AABBO Waaqi waan jed'u, Nami d'eebu qabu ch'ufti koota, bisaani kunooti! Isani worri beese inqamne koota, mid'aani bitad'a, nyaad'a! Koota, aananifi daad'i beese male fud'ad'a!


Ezrani haga jiru ch'ufa Seera AABBO Waaqa soome barate guute, aadaafi waan keesati t'aafani ch'ufa gumi Israeli barsiise.


Bara suni mali Ahithofelini namaa d'au dubbi gara Waaqati d'ufte namati fakaata; Daudifi Absalomuni akasi d'ugeefatte gula yaate.


Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.


Ammo kad'acha gumi keesati anini sila dubbi shani ta nami ch'ufti hubachu dandau dubbachu fed'a, aka nama d'ibi barsiisu, fulla dubbi kunki shani afaani d'ibiini dubbad'u.


Kara ch'ufaani guddo wo baati! Wonti qaraa fiit'e Waaqi d'aamsa ufi Yahuditi d'aamate.


Inni sunuma ka gaafa gumiini Israeli lafa alo keesa jiruti malaika woliini gumi suni keesa jiru. Inni ababoota teennale woliini jira gaafa malaikaani gaara Sinai gubbati isani dubbate, ammalle isumati dubbi Waaqa ta jireenna nu barsiise.


Yesoni waan worraani jed'e, Isani diqole d'ugefacha inqabdani; guyya hagami isani woliini taa? Guyya hagami isani obsa? Natiini koota.


Dubbi buufata, oboleyaani tiyya, Aabbooni, gammada gudda, isani kenninna. Waan duri jed'e, jechaani na ind'iibdu, ammo guddo wo isanii baati.


Tanaafi AABBO Waaqi amma dubbuma qara isani jettani taanaani isani barsiisa: Wo jed'a wo jejed'a, ufuma tae, akana taa, akana taa nuni jed'a. Duuba isani fulla ejatani ch'ufati ingufatani nafa keesani madeesani, t'ururaani qabani isani boojiani.


Herega keesani keesa aka ijoolle intahiina, oboleyaani tiyya; waan hameennati ijoolle taha, ammo herega keesani keesati nama gudda taha.


Akasuma nuleeni duri, gaafa ijoolle, tisse qilleensa lafa fidu.


Waan hedduti jira, ta sila nu dubbi tana irati jennu, ammo guddo jabaatti, aka isaniti himnu, waan isani guddo mata jabaattaniifi.


Aka isani duri jirtani qaabad'a. Gaafasi, eegi ifsaani Waaqa isaniti ifse, isani guddo gaargaltani, ammo gaargali suni isani indabsanne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite