1 Qaallu gudda jiddu nama keesaa fohatani, aka maro namatiifi Waaqa hojatu. Inni waan Waaqaa baasaniifi sorio ta daba baaftu baasa.
Qaallu gudda ch'ufa aka inni galatafi sorio Waaqaa baasu fohatani, tanaafi qaallichi keenna guddaleeni wo baasu male.
Qaaloleeni Yahudi ch'ufti guyya ch'ufa huji ufi hojatte sorio takati maro heddu baafti. Ammo sorioni tunini daba keesaa nama imbaaftu.
D'ugefachati Habili sorio ta Kaini ira dansa baasise. Maro d'ugefacha isatiifi Waaqi, Nama d'uga isaani jed'e, waan Waaqi sorio isaa fud'ateefi. Maro d'ugefacha isatiifi Habilini arrale dubbata, ato duele.
Akheekhi kunini ammalle waan arra hima. Galatafi sorioni, ta Waaqa baasani, dandeete garaa nama Waaqa kad'atu inqulqulleesitu.
Inni aka qaalole gugurdo taani injiru ta guyya ch'ufa sorio qaltu, qara maro daba ufitiifi, ammalle maro daba namale. Inni sorio toko baase, taka quba ch'alla, gaafa nafa ufi baase.
Tanaafi inni kara ch'ufaani, akuma oboleyaani isaa tahu male, aka qaallu gudda ka d'ugatiifi ka naasu, huji Waaqa keesati tahe daba namaa araaramu.
Jennaani inni waan Harunini jed'e, waan mesa fakaata kaani d'aqi, sorio dabaani ufi iraa baasanifi, sorio gubani ta daba kanketifi daba gumile baaftu baasi. Sorio daba gumitini baasani tana baasi akuma AABBO Waaqi jed'e.
Harunifi ilmaani isaa fulla balbala Waaro Woyyuma geesi, woya qaallutifi d'ad'a namaani muudanifi jibicha korma ka qalani dabaani nama iraa baasanifi elemiye lamafi ammalle dadu qit'a bukho inqamne kootiini.
Maro Kristo Yeso keesa anini huji Waaqa hojad'eefi ufi guddisa.
Dubbi jabdu ta nati odeesani anileeni isaniti dabarse: ta Kristoni maro daba keennatiifi due jettu, akuma t'aafi keesati t'aafani;
Yo sila inni lafa jiraate, qaallu tahu indandau, waan, aada Seera Yahuda gula, qaaloleeni galata baaftu jirtuufi.
Taatule Kristoni sorio toko maro dabaatiifi baase, sorio hojja ch'ufa dansa, duuba harka Waaqa ka mirga tae.