4 Wonti akanatiifi fulla toko t'aafiini waan guyya torbeeso akana jetti, Waaqi guyya torbeeso huji ufi ch'ufa iraa boqote.
Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.
Guyyaani suni akheekha haga jiru jireennati, ka jiddu tiyyafi worra Israeli jiru; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi, guyya jaa keesati lafafi gubba uume, guyya torbeeso oole hafuura baafad'e.
Ammo akuma t'aafi keesati fulla d'ibi t'aafani, Nami maani, Ee Waaqa, ka atini waan isaa hereddu? Yokhaani nami maani, Ee Waaqa ka atini teete waan isaa qulqultu?
ammo guyyaani torbeeso guyya Sabato, ka AABBO Waaqa kanketiti, guyya kana huji inhojatiini, si taanaani, ijoolle tante taanaani, tissele tante taanaani hori kanke taanaani yokhaani keessuma tantele taanaani, guyya suni ha oolaani, tisseeni teetileeni akuma atini ooltu ha ooltuti.
Wonti akanatiifi nami boqota Waaqi kennuufi argatu ch'ufti akuma Waaqi huji isaa iraa boqote boqota.