Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 4:13 - KITAABA WAAQA

13 Waan tokole dandaani Waaqa ind'ossani. Wonti lafa keesa jira ch'ufti ila isaa dura jirti; isa durati waan keenna ch'ufa himachu malle.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 4:13
37 Referans Kwoze  

Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.


AABBO Waaqi waan fulla ch'ufati tolchani inarga, inni nama dansaafi hamale waan inni tahu inarga.


Waaqi waan nu tolchinu, dansaafi hamtule, ta nu d'ossati tolchinule, inqora.


Ammo AABBO Waaqi waan isaani jed'e, D'eerinnaafi mid'aaguma isaa iniilalini, anini yayu isa dide. AABBO Waaqi waan nami laalu iniilaalu. Nami nama nafuma ala laala, ammo AABBO Waaqi garaa keesa ilaala.


Anini, AABBO Waaqi, qalbi nama ch'ufa laale, garaa namale ilaalad'a. Anini nama ch'ufa adabuma isaa gula waan male kennaafi, waan inni tolchu gula.


Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale.


Inni ejata nama ch'ufa jabeese eega.


Duuba Odu Dansa anini odeesu gula, wonti kunini guyya Waaqi, maro Yeso Kristotiifi, waan garaa nama keesa jiru qoru taati.


Gaargalafi dootileeni AABBO Waaqa durati ind'offamtu. Nami akami dandae herega ufi Waaqa d'ossa re?


atini imbeetu? Atini herega keenna ch'ufa imbeeta.


fullaani Ekheraani teetu Waaqa durati imbanamti; wonti tokoleeni ka fulla ekheraa suni Waaqa d'ossa injirtu.


Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.


Atini Waaqa d'ugaati, ka herega keennafi garaa keenna laalu. Ch'ubbicha hameenna ira balleesi, nama waan dansa tolchuu nagaya kenni.


kad'acha isaa d'agayifi. Mana kanke ka gubbati worra ch'aqasi, araaramifi. Si ch'allati herega nama ch'ufa beekha, tanaafi nama ch'ufa waan isaa male tolchita,


Atini ch'ubbu teenna ufi dura d'aabde, hameenna nu d'ofanne diidati gabaafta.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


AABBO Waaqi lafa ch'ufa ilaale tisse nama isa d'ugeefatu jabeesa. Waan atini aka daale tateefi, armaa achi worraani lafa tante keesaa imbahu.


Ammalle maro sadeeso Yesoni waan jed'eeni, Simoni ilma Yohana, Atini naa feeta? Petroni garaa ufi keesati lalefate waan inni maro sadeeso, Atini naa feeta? jed'eefi. Inni waan jed'eeni, Aabbo, atini waan ch'ufa imbeeta, aka anini si fed'u imbeeta. Yesoni waan jed'eeni, Hooliye tiyya nyaachisi.


Ammo Yesoni worra ufiti inquumne; wonti akanatiifi inni nama ch'ufa beekha,


Nami taka balbala fulla ekheratini d'aqani ya si garsiise? Yokhaani balbala dukana sipe taka agarte?


Inni ya guyya tolfate, aka nama lafa jiru ch'ufa d'ugaani qoru, nama inni fohateeni. Inni ya nama kana duisa keesaa kaase, waan kana kara kanaani nama ch'ufaa d'ugeese.


Ato anini woma indubbanne, atini waan anini dubbachu fed'u ch'ufa beeta.


Waan atini tolchitu ch'ufa AABBO Waaqi inarga, fulla atini deemtu ch'ufa inni inilaala.


Anini waan worri tolchu ch'ufa inarga. Wonti na duraa d'okhata tokoleeni injirtu; ch'ubbuuni worraleeni na dura ind'okhatu.


Nami tokoleeni dandae fulla tokoleti na duraa ind'okhatu. Isani aka anini fulla ch'ufa lafafi gubbale jiru imbeetani?


Wonti worri gaargala suni argatuufi worrati Israeli keesati waan dabaa tahe: Worri nad'eeni biyya barate, ammalle maqa AABBO Waaqatini d'ara dubbate. Wonti worri tolchu kunini waan Waaqi fed'uniti; inni waan worri tolche beekhe ila ufitini arge. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa.


Inni waan d'ossani, ka nami imbeenne ch'ufa immullisa; waan dukana keesati d'ossani ch'ufa imbeekha; ifsalee isumati qaba.


aka qarqaarsi kanke waan d'ossa tahu, duuba Abbaani kanke ka waan atini d'ossaani tolchitu argu galata si baasa.


Yesoni waan isiini jed'e, Beeni, d'aqi, d'iirsa ke yaami, armaani kooti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite