Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 4:12 - KITAABA WAAQA

12 Wonti akanatiifi dubbini Waaqa jireenna qabdi, ammalle jabdu. Sheefti ch'ufa ira qara qabdi. Nafa ch'ufa tarsaafti, haga fulla onneefi lubbuuni wolti ejitufi fulla mitafi d'uuti wolti ejitu. Isiini fed'ifi herega garaa nama ilaalti.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 4:12
42 Referans Kwoze  

Dubbini tiyya aka ibida jirti, ammalle burrisa d'akha ch'ach'absu fakaati.


Akasuma dubbini afaani kiyya keesaa baatu taati — isiini waan baateefi guutu male, lafati imbaddu; ammo waan anini ergeefi ch'ufa intolchiti.


Baafama aka ruufa marad'a, dubbini Waaqaleeni ha sheefti Lubbuuni isanii kennitu taatu.


Barsiisaani tante hojja namaa diigaani ifsa namaa taate, daallele woi hubbachifti.


Maro dubbi Waaqa ta haga hegeri jirtuufi, ya aka ijoolle didiqo ta abbaafi haati dootuniti ammo ta indoone d'alattani.


Inni dubbi tiyya aka goraade qara iti tolche, harka ufitini jabeese na qorqorate. Inni aka t'iya na tolche, katelati na galche, kurfeese oli na kaye.


Inni urji torba harka mirgicha qaba, aflameedi qara qabduti afaani isaa keesa jira. Fuuli isaa aka adu guyya gudda ifsa.


Ammalle maro waan kanatifi nu hojja ch'ufa galata Waaqa deebimna. Gaafa nu dubbi Waaqa isanii d'umneeni, isani aka dubbini suni ta namatiini, ammo d'uguma dubbi Waaqaa ch'aqaftani d'ugefattani. Waaqi jiddu isani worra d'ugefate hojachu jira.


Anini, AABBO Waaqi, qalbi nama ch'ufa laale, garaa namale ilaalad'a. Anini nama ch'ufa adabuma isaa gula waan male kennaafi, waan inni tolchu gula.


Wonti akanatiifi anini Odu Dansa iraa inch'eeru: isiini jabeenna Waaqa ka worra d'ugefate ch'ufaani baasani, qaraa fiit'e Yahudi eegi suni gosa d'ibi.


Worri ha iye AABBO Waaqa faarsu! Hojja suni worri ha goraade qara qabdu harkati qabate,


Sheeftiini qara qabdu afaani isaa keesaa baate, ta inni gosa ch'ufaani dabsatu. Inni ule sibiilatiini worra fide, daad'i dalansu Waaqa Gudda ch'unfa.


Ammo wonti ifsati baasani ch'ufti aka dansa mullatti;


Duuba mammaasi kunini akana; mid'aani dubbi Waaqaati.


Waan anini tolchu ch'ufa atini imbeeta; ato fago jiraatele atini herega kiyya ch'ufa imbeeta.


Anini qit'a jireenna ka gubbaa gadi d'ufe. Yo nami qit'a suni nyaate haga hegeri jiraata. Ee, qit'aani anini maro jireenna lafatiifi kennu sunini fooni kiyya.


Inni hiyyeesa d'ugaani qore, nama qarqaarsa inqamne kalcha. Jecha isaa gula wollaala namati murani, dubbi isaatini nama ch'ubbu fit'ani.


Ee hayyicha gudda, goraade tante fud'ad'i, hid'ad'i atini guddinnaafi jabeenna qabda.


Duula worraa, sheefti afaani namicha farda yaabatu keesa baatuuti fit'e: allaatiini haguma dandeetu ch'ufa fooni worraa nyaatte.


Daba iraa deebii yoosi. Yokhaani anini hurrise siti d'ufe, worra suni sheefti afaani kiyya keesa jirtuuni had'a.


Worra duri isani dura yau qaabad'a, ka dubbi Waaqa isaniti hasae. Aka worri duri tahe due herega, d'ugefacha worra gula yaa.


Eegi Waaqa kad'atani, fullaani worri iti kad'atu chochoote, worri ch'ufti Lubbu Qulqullooni guutame, soda male dubbi Waaqa dubbatani.


Biyyiti waan kana d'ageennaani guddo rifatte sodaatte waan Petrofi ergattu taaniini jette, Nu maani taana, oboleyaani?


Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.


Jennaani anini barch'uma guddinnatiifi worra ira tatau arge. Jabeenna worri woiini qoru kennaniifi. Ammalle anini lubbu nama, maro worri d'uga Yesoni mulliseefi dubbi Waaqa odeese ijeesani arge. Worri bineensa inguddimne yokhaani akheekha isale, yokhaani beesisa isaa harkafi adda ira inqabu. Worri aka hayyoota tahe, Kristo woliini ganna kunki toko lafa fide.


Waaqi nagaya nuu kennu, ka is isaa isani tolfatiinna, lubbufi onneefi nafa keesani wollaala ira d'owiina, gaafa Aabbo Yeso Kristoni d'ufu.


Huji d'ossatiifi ta ch'eera la lakimne; nama insomnu, dubbi Waaqale ind'aareesinu. D'uga diidati dubbanne aka d'uga qamnu nama ch'ufa agarsiimna, Waaqa duraleeti.


eege isiini had'aa qaraaru siti taate duani siti d'ufti.


Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.


Jechi worra qaro aka ule qara qabdu, ta tissituuni hooliye hooliyeeni woworaante karaati qajeelchituni jira, yokhaani mammaasi wolti guurani akuma d'isa jabeesani gad'aani jira. Jecha kana ch'ufa Waaqa, tissitu nama ch'ufati, namaa kenne.


Nu aka worra dubbi Waaqaatiini daldalu injirru; ammo maro Waaqi nu ergeefi, nu aka nama d'uga dubbanna fuula isaa durati, aka hojattu Kristo.


AABBO Waaqi jabeenna kanke ka hayyuma Sioni ch'alla keesati illakisu, fulla d'ibile geese waan jed'u, Nyaapa kanke mohad'u.


ammo jara Waaqi yaame, Yahudifi gosa d'ibileti, oduuni tuni Kristo, ka jabeennaafi qarooma Waaqa.


Waan kana d'ageennaani garaani isaani guddo gubate, aka ergattu ijeesani mariatani.


Nami na dide dubbi tiyya imfud'anne, nama iti muru toko qaba. Dubbi anini jed'e suniti guyya muumme wollaala iti mura.


Inni sunuma ka gaafa gumiini Israeli lafa alo keesa jiruti malaika woliini gumi suni keesa jiru. Inni ababoota teennale woliini jira gaafa malaikaani gaara Sinai gubbati isani dubbate, ammalle isumati dubbi Waaqa ta jireenna nu barsiise.


Inni aka gumi ufi qulqulleesu waan kana tolche, dubbi ufitiini, eegi bisaaniini d'iqe,


Aka dubbini Waaqa dansa argani, ammalle jabeenna d'aloota d'ufule beekhani.


Ehudini bilaa aflameedi ka d'eerinni isa d'und'uma toko mid'aafate, woya jala gama mirgati hid'ate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite