Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.
Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.