Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.
Wonti akanatiifi dubbini fagiisaa tokoleeni taka fed'i nama keesaa imbaane, ammo Lubbu Qulqulloti nama dubbachiise, ato nami dubbi fulla Waaqati d'ufte dubbatu.