Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 3:5 - KITAABA WAAQA

5 Musani huji Mana Waaqa ch'ufa guute. Inni hojattu, waan Waaqi hegeri dubbatu ch'ufa la dubbate.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 3:5
35 Referans Kwoze  

Ammo hojatu tiyya Musa anini akasi indubbad'uuni: Anini isa yayu gudda gumi tiyya ta Israeli tolche.


Akuma Musani duri huji Waaqa ch'ufa guute, mana isaa keesati, akasuma Yesoleeni huji Waaqi isa fohateefi guute.


Worri Israeli aka Waaqi irree guddooni worra Misiri dabsate arginaani AABBO Waaqafi Musa hojattu isaale d'ugeefate.


Jennaani inni hojattu isaa Musafi Haruni fohate iti erge.


Guyya tolfatani, nami hedduuni fulla Pauloni tau d'ufe. Inni diirama haga galgala achiti worra barsiise waan finna Waaqaa worraa diige, waan Yeso ka kitaaba Seera Musatiifi ka raagoota keesati t'aafani worra agarsiise.


Hujiini worri aka qaalole hojattu gaandidufi fakeennuma waan gubba jiraati. Musaleeni akuma kana. Gaafa inni diquma waaro ind'aabiini, Waaqi waan jed'eeni, Waan ch'ufa akuma gaara gubbati argite gula tolchi.


Anini Kristo Aabbo keenna galata deebisa, ka jabeenna anini huji isaatiini hojad'u naa kenne. Anini waan inni na herege, aka anini huji isaa hojad'u na fohateefi, galata deebisaafi,


Hojattuuni tiyya Musani ya due: Waan taatu, kai, amma kurfefad'i, siifi gumiini Israeli ch'ufti galaana Yordani taakaa, lafa anini isanii kennuti dabra.


Duuba Musani, hojatuni AABBO Waaqa achi lafa Moabu keesati due, akuma AABBO Waaqi indoota jed'eeni.


Wonti akanatiifi Kristoni fakeenna fulla qulqullo, ta nami harkaani mid'aase keesa inseenne. Inni gubbati olgale, fulla inni amma maro teennaafi fuula Waaqa dura eju.


Ammo ammatana d'ugaani Waaqa ya mullatte, Seera ira woma inqabdu. Seerafi raagooti ya d'ugeesani:


Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!


Duuba inni waan worraani jed'e, Tunini dubbi tiyya ta anini isaniini jed'e, ato isani woliini jiru; wonti ti kiyya ta kitaaba Seera Musatifi ka raagootatiifi ka Faaru keesati t'aafani ch'ufti guutamu malte.


Haga Musafi raagi ch'ufati iti keyate, waan isaa ka t'aafi keesati t'aafani ch'ufa worraa diige.


akuma hojattuuni AABBO Waaqa Musani worra Israelitini jed'e, aka kitaaba Seera Musa keesati t'aafani: fulla suni d'akha sibiilani imboch'iniini mid'aasani, irati hori gubani. Sorio AABBO Waaqa baasanifi, sorio d'ibi ta wold'ageetile irati baasani.


Wonti nama woi qorqoratu iraa fed'ani aka inni waan abba ufi guutu.


Namichi gumi Israelitiini, Waaqi isanuma keesa raaga aka kiyya isanii erga jed'e Musa.


Duuba Aabbooni waan jed'eeni, Gololchituuni qalbi qabdu ta abba ufi guute eennu re? Inni ka abbaani isaa waan ch'ufa harka isati kenne, hojattu d'ibi gololchi jed'uuni.


Abbaani waan jed'eeni, Aka d'iiraa tolchite, atini aka dansaa daldalte, tanaafi anini waan guddo harka keetiti kenna. Kooti, woliini gammanna.


Hojattuuni d'ugatiifi qarooni tami? Inni ka abbaani isaa gudda hojattu ch'ufaa tolche, aka sagale hojja saatiini geetu kennuufi.


Worri Israeli, jaarole, gugurda worraati, jaallaboota worraati, keessuma, ch'ufti Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqa gama gama ejaanjani fuula qaalole Lawi ta Sanduqani yaatuti deefatani. Worri hagi gari dudda gaara Gerezimuti deefate, ka garileeni gaara Ebaliti deefate ejaanje. Jennaani akuma hojattuuni AABBO Waaqa Musani tolcha jed'eeni worri worra Israeli eebise.


haga worri lafa AABBO Waaqi gama suniti keenneefi fud'atuti. Eegi Waaqi gosa Israeli ch'ufa teeso kenneefi, duuba dandeetani lafa teesani tana, ta hojattuuni AABBO Waaqa Musani gama kanati isanii kenne keesa qubatani.


Amma ilaafini, aka dansa garaa jabaad'i, Seera hojattuuni tiyya Musani sii kenne ch'ufa guuti. Seera suni diqole iraa ingorini, aka wonti atini tolchu feetu ch'ufti sii guutamtu.


AABBO Waaqa, gudda, anini imbeekha aka wonti atini na garsiiftu kunini iti keeyacha waan gugurdo nama mamsiisa, ka atini takaa tana tolchitu. Waaqi tokoleeni, ka waan guddo mama aka atini tolchite kana tolchu, gubbaafi lafale injiru!


Atini aada Sabato qulqullo worra barsiifte, hojattu tante Musani aadaafi Seera worraa kennite.


Musani waan AABBO Waaqi jed'eeni kaani ch'ufa tolche.


Duri Waaqi maro heddufi aka heddu afaani raagootatiini ababoota teennati dubbate,


Mana ch'ufa namati jaara — ammalle waan ch'ufa Waaqati jaare.


Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite