Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 2:9 - KITAABA WAAQA

9 Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 2:9
39 Referans Kwoze  

Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Maro huji isaatiifi daba keenna nu araaramani, keenna ch'allaaniti ammo ka nama lafa ch'ufale.


Tanaafi akuma daba nama toko gula wollaala nama ch'ufati murani, akasuma hujiini dansaani toko, ta nami toko tolche, nama ch'ufa baafte jireenna kennitiifi.


Ya harka mirgicha Waaqati olfuud'ani, inni Lubbu Qulqullo isa ira argate, akuma Abbaani kakhate; wonti isani amma argitani d'ageettani kunini qarqaarsa inni nuu kenne.


Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu.


Wonti inni nama ch'ufaa duefi aka nami tokoleeni ufiifi injiraanne, ammo maro nama due duisa keesaa kaasaniifi jiraatu.


Maro waan kanatifi Kristoni, ato diquma lafa ind'ufiini, waan Waaqaani jed'e, Atini soriofi waan sii baasani imfeetu, ammo atini ya nafa naa kurfeesite.


Ammo Waaqi ya jaalala ufi nu agarsiise; ato nu daba keesa jirru Kristoni nuu jed'e due!


Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.


Anileeni, yo lafa tana oli na fuud'ani, nama ch'ufa ufiti hirkisa.


Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.


Anini siifi niiti tana nyaapa wolti tolche, d'alooti keesanileeni woli jibba. D'alooti isii mata si ch'arase, atileeni hirba worraa nyaatta.


Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.


Qaallu gudda ch'ufa aka inni galatafi sorio Waaqaa baasu fohatani, tanaafi qaallichi keenna guddaleeni wo baasu male.


ka nafa ufii kenne akasiini nama ch'ufaa baasu. Guyyaani geennaani, dubbi suni ya d'ugeesani.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Inni Ilma ufile nu ind'owanne, ammo nu ch'ufaa baase! Inni ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu ch'ufa tolaani nuu inkennu?


Ammo hojjaani geennaani, Waaqi Ilma isaa erge. Haad'a namati isa d'ale, Seera Yahudi keesaa d'alate,


Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele.


Duuba amma AABBUMA Waaqati akheekha sii kenna: intalti dubra garaachoofte, ilma deete, maqa isaa Imanueli baaftiifi.


Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.


Maro waan kanatifi Abbaani na jaalata, maro anini jireenna kiyya baasuufi aka deebie fud'ad'u.


Yahudiini waan jetteeni, Amma nu imbeenna aka atini jinni qabdu! Abrahamuuni akuma raagoota d'ibi due. Ammo atini, Yo nami dubbi tiyya jabeese, nami suni induu jetta.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Jara arma ejaanju kana keesa nama haga Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufuti indooneti jira.


Ilti isaa aka qanqe ibida jirti, sure hayyuma heddu matati marate. Maqa isaa irati t'aafani, ammo isa male nami tokoleeni maqa suni imbeekhu.


Atini haga diqa toko malaika ira isa diqeesite, atini boku guddinna ka hayyuma isaa kennite,


Ammo waan anini d'uguma isaniini jed'u, Jari gari ka arma jiru haga Finna Waaqa ila ufitiini arguti induu.


Ammalle inni waan worraani jed'e, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami gari ka arma jiru induu, haga Finna Waaqa ka humnaani d'ufu arguuti.


Maafi waan uyifattani d'ind'insitani? Aka daraaraani oobru bahu herega; inni inhojatu yokhaani woya ind'aatu.


D'alooti Yese hunda mukha murani fakaata; ammo akuma dameeni latte hunda suni iraa baatu, akasuma hayyuuni d'aloota isa keesa d'alata.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Yo nami dubbi tiyya jabeese, nami suni induu.


Atini d'uga jaalatte d'ara jibbita. Maro waan kanatifi Waaqi, Waaqi kanke, si fohate, gammada guddinna ka wahela keti ira jiru, sii kenne.


D'ugefachati Henoko duu d'owe. Fulla Waaqa isa geesani nami isa argu dad'abe, waan Waaqi isa gubbati olgeeseefi. T'aafiini, ato isa gubbati olingeesiini, inni Waaqa gammachiise jetti.


Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite