Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 2:11 - KITAABA WAAQA

11 Yesoni nama ch'ufa daba iraa qulqulleese, isaafi worri qulqulleesanileeni ka Abba taka tahani. Maro waan kanatifi Yesoni, Oboleyaani worraani jechu inch'eere.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 2:11
19 Referans Kwoze  

Sorio tokooni inni ya worra daba iraa qulqulleesani haga hegeri qit'e tolche.


Maro Yeso Kristoni waan Waaqi, Tolchi jed'eeni ch'ufa tolcheefi, sorioni nafa isaa yayu maro tokotu daba ch'ufa nura d'it'e.


Yesoni waan isiini jed'e, Naa inqabatini, anini qara gara Aabbo olindeemne. Ammo gara oboleyaani tiyya d'aqi waan jettuuni, Anini gara Abba kiyyatiifi Abba keesani, gara Waaqa kiyyatiifi gara Waaqa keesani oldeema, jed'i iti himi jed'e.


Maro waan kanatifi Yesoleeni balbala dira alati due, aka d'iiga ufitiini daba nama iraa qulqulleesu.


Worra duri Waaqi fohate inni ya olkaye aka ilma isaa fakaatu aka oboleyaani hedduu ilmi angafa tahu.


Maro worraatiifi anini ufi qulqulleesa, aka worri d'ugaani qulqullau.


Wonti ani kad'ad'u, aka worri ch'ufti takaa tahu, akuma Aabbo, atini na keesa jirtu, anileeni si keesa jiru, aka akasuma worrileeni nu keesa jiraatu. Ammalle aka nami lafa, aka atini na ergite d'ugefatu.


Hayyuuni waan jed'u, Waan anini isaniti himu, waan oboleyaani tiyya didiqo tanaa tolchitani yayu nale tolchitani.


Waan ijoolleeni suni nama nafafi d'iiga qabu taateefi, Yesoleeni aka worraa tahe nafa argate. Wonti inni akasi tolcheefi, aka duisa isatiini Sheet'ana, ka duisa ira jabeenna qabu dabsatu.


Ammo hojjaani geennaani, Waaqi Ilma isaa erge. Haad'a namati isa d'ale, Seera Yahudi keesaa d'alate,


Inni nama toko iraa gosa lafa ch'ufa keesa teetu uume, lafa ch'ufa keesa qubsise. Isumati qara bara gochiti suni teetufi seera lafale tolche.


Taatule lafa ira dansa barbaadani, lafa gubbaa jirtu. Maro waan kanatifi yo worri Waaqaani, Waaqa keenna jed'u, inni inch'eerfatu, waan inni dira worra mid'aaseefi.


Yo nami tokoleeni anaafi dubbi tiyya dide, d'aloota hama Waaqa didu kana keesati, Ilmi Namaleeni isa indida, gaafa inni guddinna Abba ufitiini d'ufu, malaika qulqullo woliini.


Yesoni waan jed'eeni, Insodaatiina, d'aqa oboleyaani tiyyaani, Galilaya d'aqa achiti na argani jed'a jed'e.


akuma nami toko jed'e, Nu isa keesa yaane teteenne jireenna arganna. Akuma namichi keesani toko sirba keesa jed'e, nu ijoolle isaati.


Yo nami tokoleeni anaafi dubbi tiyya dide, Ilmi Namaleeni, gaafa guddinna ufitiifi ka Abba isatiifi ka malaika qulqulloleeni d'ufu, nama suni indida.


Biyya isa marsite ch'iiftu millate waan jed'e, Kuno, haad'afi oboleyaani tiyya tana.


Oboleyaani tiyya ta Kristiana, Waaqi ya isanile yaame! Yeso ka Waaqi erge, aka Qaallu Gudda d'ugefacha teenna tahu, ilaala.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite