Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 13:4 - KITAABA WAAQA

4 Nami ch'ufti fuud'a ulfeesu male, d'iirsafi niitiini wollakisani gara d'ibi yau himmalle. Waaqi worra waan hamtu tolchuufi algala wollaala iti mura.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 13:4
33 Referans Kwoze  

Tanaafi d'iirti abbaafi haad'a ufii lakifte niiti ufitiini takaa taati, worri lamaani nafa takaa taha.


Wonti nafi fed'u diiduma teeti: wolbaraachafi t'urifi huji hamtu;


wolmorkani, farso d'ugani machaani, wolballeesani, waan hamamtu akana heddu tolchani. Anini amma isani gorsa akuma duri tolche: nami waan akana kana tolchu Finna Waaqa inargatu.


D'uguma isani aka worri daba tolchu Finna Waaqa inarganne imbeetani. Ufi insobina! Worri ch'eera foko inqamne, ka waan harkaani boch'ani kad'atu, ka nad'eeni biyya awadatu yokhaani midiisani,


Waan kana aka dansaa beekhu maltani: nami algali, t'urichi, sabdiini (ka Waaqa wollaale waan nami harkaani mid'aasu kad'atu) qooda Finna Kristotiifi ka Waaqa keesaa inqabu.


Nami huji gumi Waaqa hojatu ha niiti toko ch'alla qabaatuuti, ha ijoolleefi worra ufi aka dansa qorqoratuuti.


ha worra ufi aka dansa qorqorate ijoolle ufi saala foko barsiisu.


Tanaafi nami intala suni fuud'u waan fullaa tolcha, ammo ka fuud'u didu waan hagasi ira qajeela tolcha.


Jennaani AABBO Waaqi aka jaba isa rafise, duuba ato inni rafu, ch'inaacha isaa toko keesaa fuud'e, fulla suni akuma duriti deebise.


Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.


jaarsi wollaala qabaachu himmalle; niiti toko ch'alla qabaachu male, ilmaani isaa d'ugefacha qabaachu malte, ijoolle hamamtu ta aka bineensa jirtu, ta dubbi nama inch'aqamne intahiini.


Worri kunini nad'eeni fuud'itiifi sagale gosa gari nyaati fullaaniti jed'a. Ammo Waaqi sagale tana aka, eegi galata deebisani, worri d'ugefate d'uga baratu nyaatufi mid'aase.


Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale.


Anini waan ergattuuni d'ibiini tolchitu, aka oboleyaani Aabbo yokhaani Petroleeni niiti ufi fud'ate imaltuuni deeme, yo fed'e intolchu?


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini qorsumafi isaniti d'ufa, ammalle anini maruma toko worra falfala tolchu taanaani, d'iirafi nad'eeni aada male wolti yaatu taanaani, nama d'ara d'ugeesu taataanaani, ch'ubbicha nama hojattu isaati hori baasu didu taanaani, nama haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyi dabsu taanaani, nama keessuma ulfeesu didu taanaani, ammalle nama ch'ufa ka na insodaanne, d'uga intahuufi.


Nami suni nama wollaala qabu intahiini; ha niiti toko ch'alla qabaatu, nama qalbi dansa qabu tahu male, ka ufi qorqoratu, adaba qabu, ka amala dansa qabu; inni keessuma bulchu male, namale aka dansa barsiisu male;


Duuba eege niitiini tiyya garaachoofte ilma deete. Jennaani AABBO Waaqi waan naani jed'e, Maqa isaa waan hurrisani saamani boojiani baasiifi.


Jennaani Hilkia, Ahikamu, Akbori, Shafani ammalle Asayani yaani niiti Hulda jed'ani ta raaga ta dira yerusalemu moga hareetiti galtu d'aqani wogaafatani. (D'iirsi isii shalumuni ka ilma Tikra, ka akhaakhu Harhasi, inni nama woya Mana Waaqa qorqoratu.) Worri waan tahe kana ch'ufa iti hime,


Eegad'a aka nami tokoleeni sharmut'a tahe, yokhaani aka Esau inhamaanne, ka sagale guyya tokotiifi d'aala ufi ta angafooma gurgurate.


Niiti nama d'ibi bira rafte ufi int'ureesini.


Yo nami niiti nama d'ibitini rafe, isaafi isiile ha ijeesaniti. Akanaani hameenna akasi duraa baatani.


Huji sharmut'oma lagad'a. Dabi d'ibiini nami tolchu tokoleeni nafa woma intolchu; ammo nami sharmut'oma deemu nafa ufiti daba.


Akanaani nami tokoleeni oboleesa ufiti dabe waan isaa iraa imfud'atiini. Nu waan kana qara isaniti himne, ya isani guddo gorsine, aka Aabbooni worra waan akana kana tolchu balleesu.


Nami d'iiratifi ka uwa eegi woliini rafe worri lachu bisaani d'iqachu male, duuba haga aduuni d'iituti worri qulqullooniti.


Woni suni sila ibida wo balleesu, ka fulla duati wo geesu, ka hori kiyya ch'ufa gubu fakaati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite