13 Tanaafi koota, gara isaa alati yaane, ch'eera isaa fud'anna.
Inni hori lafa Misiri ira, araba maro Kristotiifi isa arabsani dansa heregate, waan inni galata eegi tana heregeefi.
Ergattuuni ta gammada qabdu kaate jaarole kora biraa yaate, waan Waaqi maro maqa Yesotiifi gaargalafi ch'eera worratiini d'ufeefi.
Ayyaana keesani hojja nami isani jibbe gusse arabse, maqa keesani aka waan hamtu alati gatu, maro Ilma Namatiifi!
Jennaani Yesoni waan jara ufitiini jed'e, Yo nami tokoleeni na gula deemu fed'e ha ufi mormate, maskali ufi baate na gula deemuti.
Anini laafinnafi arabaafi d'ibafi d'ipufi gargala maro Kristotiifi indidu. Wonti akasitiifi yo anini laafa anini guddo jabaad'a.
Ayyaana keesani hojja beeni isani arabse gaargalche, maro tiyyaafi d'araani isani himate waan hamtu ch'ufa isaniini jed'u.
Me, aka inni gaargale, jibba nami daba isa jibbe ch'ufa obse herega! Tanaafi illaafiina, indad'abiina!
Amma worri Waaqa imbeenne, yo isani aka worraa waan t'uritiini imbineensomne, mame isani arabsa.
Ato dira keesaa bahanu, namicha Kirene toko ka Simoni jed'ani argani, maskali Yeso baachisani.
Jennaani inni waan worra ch'ufaani jed'e, Yo nami na gula d'ufu fed'e ha ufi mormate hojja ch'ufa maskali ufi baate na gula deemu.
Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.
Wonti akanatiifi gaargala keesani ka daba keesati, d'iigi keesani injinne,