Yo nami, Anini Waaqa jaalad'a ufiini jed'e, ammo oboleesa ufi jibbe, inni kiyyiba. Inni dandae Waaqa ka ilaani ingarre injaalatu, eegi oboleesa ufi ka ilaani argu injaalanne.
Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu.