8 Yo aka ilmaani ch'ufa qajeelchani isani inqajeelchiini isani ilmaani d'ugaatiniti, ammo ilmaani ch'abanaati.
wonti akanatiifi Aabbooni nama jaalatu ch'ufa inqajeelcha, nama ilma tolfatu ch'ufa ind'aana.
Waaqi guddo worra Israeliti dansa, worra garaani isaa qulqullo.
Ammo Aabbooti nu qore nu qajeelcha, aka nama lafa woliini nu inqorre.