Dubbi dansa ta Waaqi aka ilmaani isaa isaniti dubbatu la deettani? Ilma kiyya, yo Aabbooni si qajeelche taba insehiini, yo inni si gorse garaa illaafiini
AABBO Waaqi guddaani yayu araba na qajeelche, aka anini nama dad'abi qabu dubbi t'iyaani jabeesu. Diirama ch'ufa inni na kaase, aka anini waan inni na barsiisu fed'u ch'aqasu.
Yesoni Mana Waaqa olseene; ato nama barsiisu, qaalole gugurdofi jari gugurdaani Yahudi isati d'ufani waan jed'aniini, Atini jabeenna kamiini waan kana tolchita? Eentu jabeenna kana sii kenne?
Gaafa isa arabsani inni taka nama inarabsine; isa gaargalchinaani inni nama tokole insodachiimne, ammo abdi ufi, Waaqa d'uga, ka d'uga gula wo qoru, gubba keyate.