10 Abbootiini teenna ta lafa haga diqa toko, fed'i worra gula, nu qajeelchite, Ammo Waaqi maro wonti kuni ira nu jirtuufi tolcha, aka nu qulqullooma isaa qoodannu.
Kara kanaani, inni ya kakhu dansa, ta guddo wo nu baatu nuu kenne, aka eegi waan inni kakhate argattani, d'araa badi, ta lafa tana keesa jirtu, duraa baatani, Waaqa fakaattani, jireenna isaa qoodattani.
Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.