3 D'ugefachaani, aka lafti dubbi Waaqatiini uumamte beenna, aka wonti nami ilaani argu waan nami ilaani ingarre keesaa baate.
AABBO Waaqi jecha isaatini gubba uume, aduufi jiaafi urjile dubbi ufiitini mid'aase.
Worri suni ato beekhu, waan kana dida: duri Waaqi dubbannaani lafafi gubba uumani. Lafa suni bisaani keesaafi bisaaniini uumani,
Waan ch'ufa Waaqi isaani uume, wonti tokoleeni ta isa male uumamte injirtu.
Akuma t'aafiini jettu, Anini yayu abba gosa heddu si tolche. Tanaafi seeri sunini fuula Waaqa durati dansa, Waaqi Abrahamuuni d'ugefate suni Waaqa worra due jiraachise waan duri injirre lafaani d'ufu.
Waaqi, ka lafafi waan keesa jira ch'ufa uume, waan inni Abba gubbafi lafa taheefi, mana harki nama ijaare keesa intau.
Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.
ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.
(Waan isani worra sunini jettani: Waaqa keesani ka lafafi gubba inuumini kana imballeesani. Deebiani lafa keesa fulla tokoleti inargani.)
Gaafa qaraa fiit'e, Waaqi lafafi gubba uume.
Me gubba ilaala, urji isani agartani tana eenuti uume? Nami uume isuma, ka isi tokotokooni gayaasu; inni haga isii imbeekha ammalle ch'ufa maquma isiitiini yaama! Irreeni isaa guddo jabdu, tanaafi urjini suni tokoleeni imbaddu!
D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.
Waaqi Yakobo aka worraa injiru; isumati waan ch'ufa uume, ammalle worra Israelile isumati fohate gumi ufi tolfate maqaani isaa AABBO Waaqa gudda.
Inni dubbannaani lafti uumamte, jecha isaa gula wonti ch'ufti mullate.
Qaroomi anini dubbad'u qarooma Waaqa ka nama d'ossani, ka Waaqi qara guddinna keennaafi fohate, ato lafti inuumamiini.
wonti akasitiifi dubbi Waaqaatiifi kad'achati waan kana Waaqa durati qulqulleesa.
Aka dubbini Waaqa dansa argani, ammalle jabeenna d'aloota d'ufule beekhani.