Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 10:14 - KITAABA WAAQA

14 Sorio tokooni inni ya worra daba iraa qulqulleesani haga hegeri qit'e tolche.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 10:14
16 Referans Kwoze  

Seeri Yahudi fakeenna dansa ka waan d'ugaatiniti. Ammo inni gandidu waan dansa ka hegeri d'ufu ch'alla. Sorio takati ganna ch'ufa qalani baasani. Seeri yoosi akami dandae, sorio tanaani, worra Waaqati d'ufu qulqulleesa?


Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


Yesoni nama ch'ufa daba iraa qulqulleese, isaafi worri qulqulleesanileeni ka Abba taka tahani. Maro waan kanatifi Yesoni, Oboleyaani worraani jechu inch'eere.


hojattu Kristo Yeso aka gosa d'ibi keesa hojad'u na tolcheefi garaa jabaad'e. Anini Odu Dansa ta Waaqa biraa d'ufte aka qaallu odeesa, aka gochiti d'ibiini sorio Waaqi fed'u taatu, ta Lubbuuni Qulqullooni kurfeesiteefi.


Maro waan kanatifi Yesoleeni balbala dira alati due, aka d'iiga ufitiini daba nama iraa qulqulleesu.


Seeri Musa dandae woma tokole inqit'eesu. Amma abdi d'ibiini ya d'ufani, ta Waaqati nu d'ieesitu.


Inni aka gumi ufi qulqulleesu waan kana tolche, dubbi ufitiini, eegi bisaaniini d'iqe,


Ammatana harka Waaqatiifi dubbi eeba isaati isani lakisa. Isiini dandeete isani jabeesite worra qulqullo woliini d'aala isani kenniti.


Maqaani kiyya Yuda, hojattu Yeso Kristotiifi oboleesa Yakobo; gara worra Waaqi yaame, ka jaalala Abba Waaqa keesa taufi ka qorqorti Yeso Kristo jala jiruti tatabe tana t'aafa.


Gara gumi Waaqa ta Korintho jirtu ta yaamani worra Waaqa tolchani, ta maro Kristo Yesotiifi worra isaa taate, ammalle gara nama lafa ch'ufa ka maqa Aabbo Yeso Kristo yaamatu: Inni Abba keennafi ka worraati.


Wonti kunini waan nyaataniifi waan d'uganiifi aada qulqulleesa ch'alla. Tunini ch'ufti seera alaati, ta haga Waaqi waan ch'ufa garagalche imid'aasiini ch'alla jirtu.


saa jaa ka guyya, ee hayyicha, anini ifsa gubba nati ifsu, ka adu ira ifsu, kara keesati arge, ka naafi jara na woliini yauti ifsu.


Maro Yeso Kristoni waan Waaqi, Tolchi jed'eeni ch'ufa tolcheefi, sorioni nafa isaa yayu maro tokotu daba ch'ufa nura d'it'e.


Taatule Kristoni sorio toko maro dabaatiifi baase, sorio hojja ch'ufa dansa, duuba harka Waaqa ka mirga tae.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite