Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 10:10 - KITAABA WAAQA

10 Maro Yeso Kristoni waan Waaqi, Tolchi jed'eeni ch'ufa tolcheefi, sorioni nafa isaa yayu maro tokotu daba ch'ufa nura d'it'e.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 10:10
25 Referans Kwoze  

Sorio tokooni inni ya worra daba iraa qulqulleesani haga hegeri qit'e tolche.


Taatule Kristoni sorio toko maro dabaatiifi baase, sorio hojja ch'ufa dansa, duuba harka Waaqa ka mirga tae.


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


Inni aka qaalole gugurdo taani injiru ta guyya ch'ufa sorio qaltu, qara maro daba ufitiifi, ammalle maro daba namale. Inni sorio toko baase, taka quba ch'alla, gaafa nafa ufi baase.


Maro worraatiifi anini ufi qulqulleesa, aka worri d'ugaani qulqullau.


Maro waan kanatifi Yesoleeni balbala dira alati due, aka d'iiga ufitiini daba nama iraa qulqulleesu.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


Gaafa Kristoni waaro ke bahe dabre Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullo maro toko keesa seene, inni d'iiga sorio reetiifi ka yabiye imfud'anne; ammo d'iiguma ufi fud'ate, baafama hegeri nuu tolche.


Kristoni daba keenna maskaliti baate, aka nu dabaani doone d'ugaani jiraannu. Madaa isatiini isani fayyisani.


Inni golla keesa kara hareesafi ka jireenna nuu bane; akasi jechaani nafa isaa keesa.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Gaafa guyyaani suni gahe, madda ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu dabafi t'uri iraa qulqulleesitu banani.


yo akasi tolche, maro heddu haga lafa uumani sila gaargala. Ammo ammatana inni ya maro tokotu mullate, ka d'alooti ch'ufti diquma inhobaiini, aka sorio nafa ufitiini daba balleesu.


Waan ijoolleeni suni nama nafafi d'iiga qabu taateefi, Yesoleeni aka worraa tahe nafa argate. Wonti inni akasi tolcheefi, aka duisa isatiini Sheet'ana, ka duisa ira jabeenna qabu dabsatu.


Yeso Kristoni d'iigafi bisaaniini d'ufe. Inni bisaani ch'allaani ind'umne ammo bisaanifi d'iigaani d'ufe. Aka wonti kunini d'uga Lubbuleeni yayu himte, maro Lubbuuni d'ugatiifi.


Taatule askartiini toko woraanani t'iit'a woraante jennaani d'iigafi bisaani baafatani.


Yesoni nama ch'ufa daba iraa qulqulleese, isaafi worri qulqulleesanileeni ka Abba taka tahani. Maro waan kanatifi Yesoni, Oboleyaani worraani jechu inch'eere.


Maro waan kanatifi Kristoni, ato diquma lafa ind'ufiini, waan Waaqaani jed'e, Atini soriofi waan sii baasani imfeetu, ammo atini ya nafa naa kurfeesite.


Anini qit'a jireenna ka gubbaa gadi d'ufe. Yo nami qit'a suni nyaate haga hegeri jiraata. Ee, qit'aani anini maro jireenna lafatiifi kennu sunini fooni kiyya.


Jaalala keesa yaa, akuma Kristoni nu jaalate jireenna ufii nuu baase, sorio dansa fooleeni isii Waaqa gammachiiftu nuu tahe.


Inni aka gumi ufi qulqulleesu waan kana tolche, dubbi ufitiini, eegi bisaaniini d'iqe,


Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


Nama Ilma Waaqa tuffatu, ka d'iiga wold'aqisa Waaqa ka isa qulqulleese bilaasha sehu, ka Lubbu eebaa arabsu, maal tolchani re? Gaargala isaa, aka inni hama, me herega!


Wonti akanatiifi Kristoleeni nami dansaani maro nama hamatiifi due. Inni maro keesaniifi maro tokotu due, aka akasiini Waaqati isani deebisu. Nafa isa ijeesani ammo lubbuuni isaa injirti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite