Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ebrania 1:9 - KITAABA WAAQA

9 Atini d'uga jaalatte d'ara jibbita. Maro waan kanatifi Waaqi, Waaqi kanke, si fohate, gammada guddinna ka wahela keti ira jiru, sii kenne.

Gade chapit la Kopi




Ebrania 1:9
42 Referans Kwoze  

atini waan dansaa jaalate waan hamtu jibbita. Tanaafi Waaqi kanke si fohate, hayyu d'ibi ch'ufa ira si muude si gammachiise. Woyaani tante qayyaafi qumbi d'oofti;


Atini nyaapa kiyya ch'ufa durati jila naa tolchite; d'ad'ale na muude, waan anini d'ugule naa kennite na quubsite.


nama Sioni keesati bohu jiru ch'ufa fulla laalala gammadafi qilit'ama kenne, fulla laalefacha faaru d'aachisu. Worri mukeeni AABBO Waaqi oobre fakaata. Worri ch'ufti waan dansa tolche, Waaqale waan inni tolcheefi faarsani.


Ammo Lubbuuni jaalalafa, qilit'amafa, nagayafa, obsafa, naasufa, d'uga gula deemitifa, dansoomafa,


Waaqi, ka abdi namaa kennu, gammadafi nagaya isanii kennina maro d'ugefacha teesani ta isani isa d'ugefattaniifi, aka abdiini teesani jabeenna Lubbu Qulqullotiini iti daramtu.


AABBO Waaqi guddaani yayu lubbu isaatini na guute. Inni yayu na muude na erge, aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeese, nama guddo garaani laalala qabu fayyise, nama hid'aansa keesa jiru ha hiikhaani jed'e, nama hid'anile hiikha.


Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani,


Waan hamtu jibba, waan dansa jaalad'a, fulla gaadisa korati d'uga jabeesa. Hegeri AABBO Waaqi worra gosa Yusufu, ka armati hafe, innahaafi.


Nu waan argine d'ageenne isanileti himna, aka isanileeni wold'aqisa nu Abbaafi Ilma isaa Yeso Kristo iraa qamnu argattani.


Waaqafi Abba Aabbo keenna Yeso Kristoti galata deebimna! Maro naasu isatiifi inni Yeso Kristo duisa keesaa kaase, jireenna haraa nuu kenne. Wonti kunini abdi jirtu nuu kenniti,


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini d'uga jaalad'e dabaafi ch'ubbu jibba. Anini d'uga gula gumi tiyyaa woi kenne wold'aqisa jiru jireenna worra woliini tolfad'a.


Ch'ubbu jibbitiini AABBO Waaqa sodaacha, anini kiyyibafi ufi saadu jibba. Ammalle waan d'araatifi kara hama infed'u.


Yesoni duuba Qaallu Gudda, ka fed'i teenna ch'ufa nuu guutu! Inni qulqullo, wollaalafi daba tokole inqabu; isa ya worra ch'ubbutiini gargari basaani, gubbati olgeesani.


Maro waan kanatifi Waaqi fulla fulla ch'ufa ira guddo, ta gubba isa geese. Maqa maqa ch'ufa ira jiru isaa kenne.


Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne.


Waaqa ka wold'aqisa Ilma isaa Yeso Kristo Aabbo keennati isani yaame d'ugefachu malani.


Yesoni waan isiini jed'e, Naa inqabatini, anini qara gara Aabbo olindeemne. Ammo gara oboleyaani tiyya d'aqi waan jettuuni, Anini gara Abba kiyyatiifi Abba keesani, gara Waaqa kiyyatiifi gara Waaqa keesani oldeema, jed'i iti himi jed'e.


Inni oboleesa ufi Simoni barbaade waan jed'eeni, Nu Masihi ya agarre (Masihi jechaani Kristo jecha).


Tanaafi anini barsiisa tante ch'ufa gula deeme kara hama ch'ufa jibba.


Anini qarooma seera kanke ira argad'e, tanaafi waan hamtu ch'ufa jibba.


Anini hojattu tiyya Daudi yayu d'ad'a qulqullooni muude hayyu tolche.


AABBO Waaqi waan d'ugaa qajeeltu jaalata, jaalalti isaa ta ind'umanne lafa ch'ufa guuti.


Akuma suni nama barsiisa worra Nikolai gula yau qabda.


Maqaani Waaqa Abbaani Aabo keenna Yeso Kristo ha eebifamuuti, aka anini inkiyyimne inni imbeekha.


Jaalalti ha waan d'ugaa taatuuti. Waan hamtu jibba, waan dansa jabeesa.


aka Waaqi Yeso Nazareti Lubbu Qulqullofi jabeennaani muude, isani imbeetani. Inni fulla ch'ufa dedeeme waan dansa tolche, nama Sheet'ani gaargalche ch'ufa fayyise, waan Waaqi isa woliini jiruufi.


Dira kana keesati Herodefi Pontio Pilatoni gosa d'ibiifi gosa Israelitiini wold'aqani, aka Yeso, hojattu tante qulqullo, ta atini Kristo tolchite ijeesani.


Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.


Mala hama woliini yakitani inqabaatiina, kakhattani d'ara indubbatiina. Anini d'ara dubbachafi waan hamtu akana ch'ufa guddo jibba.


Inni waan nani jed'u, Atini abba kiyyafi Waaqa kiyya, siida kiyyafi qarqaarsa kiyya.


Ee Waaqa kiyya, anini akami fed'i tante guutu fed'a! Barsiisaani tante qalbi tiyya keesa jirti.


wonti akanatiifi AABBO Waaqi d'uga jaalata, gumi isaa qulqulloole illakisu. Inni haga jiru jireenna worra qorqorata, ammo ilmaani ch'ubbicha lafa keesa gussani.


Inni nama d'ugaa qajeelafi ch'ubbichale inilaala garaani isaa nama woi yaku guddo jibba.


waan jed'u, Anini gaara kiyya qulqullo Sioni gubba yayu hayyu kiyya kaye.


Hayyooti worraa AABBO Waaqafi hayyu inni muude fohateeti garagalte ch'ubbu iti malatte.


Yesoni nama ch'ufa daba iraa qulqulleese, isaafi worri qulqulleesanileeni ka Abba taka tahani. Maro waan kanatifi Yesoni, Oboleyaani worraani jechu inch'eere.


Hayyumti Waaqi sii kenne haga jiru jireenna teeti. Bokuuni atini namaani fidduleeni ka d'ugaati;


Maro waan kanatifi Abbaani na jaalata, maro anini jireenna kiyya baasuufi aka deebie fud'ad'u.


Hayyooti lafa ch'ufa kurfefatte, jari lafa fidu wold'aqe, aka Aabboofi Kristo isaa ijeesani.


Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite