Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Danieli 7:10 - KITAABA WAAQA

10 nafa isaa ch'ufa lola ibidati keesaa yaa. Nama kuma hedduti isaa hojata, ammalle nama muumme inqamne, ka kunki kunkiti, isa, dura ch'iisa, kori tae, kitaaba banani.

Gade chapit la Kopi




Danieli 7:10
26 Referans Kwoze  

Me ilaala, jabeennaafi guddinni AABBO Waaqa fago mullachu jira. Ibidaafi aari dallansu isaa garsiise, hojja inni dubbatu dubbini isaa aka ibida wo gubdi.


AABBO Waaqi gad'ufe; aka adu lafa Edomuti bahe, gumi isaa gaara Parani iraa iti ifse. Malaikaani qulqullooni kuma kud'ani isa woliini jirti, harka isaa ka mirga bobaa ibidati jira.


Ammalle anini millannaani malaika kunki heddu d'agaye, ta aka kunki kunki! Barch'uma guddinnatiifi waan Lubbu qaba afraanifi jaarole marsite,


Waaqi keenna d'ufuu jira, hojja d'ufele afaani inqabatu; ibida bobae balaliuti isaa dura jira, bubbeeni guddooni isaa d'aatu jirti.


AABBO Waaqi gaari isaa ka fardi hirkisu, ka kunki heddutiini gaara Sinai iraa d'ufe, Fulla Qulqullo seena.


Henoko, ka d'aloota torbeeso Adamu gulati, duri waan worra fage waan jed'e: Ilaala, Aabbooni malaika ufi qulqullo kunki hedduuni woliini d'ufa,


Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae,


Duri duri, fulla ibidi guddaani toko hayyu Ashuru iti gubu kurfeesani. Fullaani sunini gadi qile, ammalle ballo, qoraanileeni arti miju. Duuba AABBO Waaqati hafuura isaatini ibida gabaase guba.


Ammalle Mikayaani waan jed'e, Amma waan AABBO Waaqi jed'u ch'aqasi! Anini AABBO Waaqa ka barch'uma ufi ira tau gubbati arge, ka malaikaani isa mirgaafi bita isaa enjaanjitu.


Jennaani namichi haga jiru jireenna jiru kaani d'ufe, gumi qulqullo Waaqa guddati d'uga galche. Inni gumi suni jabeenna worri lafaani fidu kenneefi.


Ammo isani gaara Sinaiti d'uftani, gara dira Waaqa jiru, Yerusalemu ta gubba jirtu, ta malaika kunki heddu qabdu.


Duuba isani bale gaara kana gargari kutu keesa baqattani. Isani akuma ababooti teesani duri, gaafa hayyuuni Yuda, ka Uzia jed'ani, lafa fide, lafti chochoote baqatte, baqattani. Duuba AABBO Waaqi kiyya, malaika ch'ufa woliini, gad'ufa.


Jennaani gubbati kori tae dubbi suni laalani, jabeenna isaa iraa fuud'ani aka hama isa balleesani.


Malaikaani maani re? Worri lubbu Waaqaa hojattu, ammalle isati worra erga, aka worra baafama argatu qarqaartu.


Worri Waaqa imbeenne ya dalane, ammo dalansuuni tante ya d'ufte, hojjaani worra due qoranile; ammalle hojjaani hojattu tante raagootafi nama ch'ufa, diqaafi guddale, nama si sodaatu ch'ufa galata kennaniifi ya d'ufte. Yoi nama lafa balleesu balleesani ya gahe!


Ammalle Mikayaani waan jed'e, Amma waan AABBO Waaqi jed'e ch'aqasi! Anini AABBO Waaqa, ka barch'uma ufi ira tau, gubbati arge, ka malaikaani isaa mirgaafi bita isaa ejaanjitu.


Aari funnaani keesaa yae, ibida woi gube balleesuufi ch'ileeni bobeetu afaani keesaa yaate.


Malaikaani woya boofta uyifattu waan jette, Gaafasi malaikaani guddoni, Mikaeli jed'ani, ta gosa tante qorqorattu, ind'ufti. Duuba guyya gaargala ka haga nama lafa irati uumani takaa inarginiti d'ufa. Gaafasi nami gosa teeti, ka maqa isaa kitaaba keesati t'aafani ch'ufti lubbu baha.


Nami malaika isaa hojattu haga beekhu injira? Fullaani ifsaani Waaqaa iti inifsiine injirti?


Isani worri gubba jajabaani hojattu isaa ta fed'i isaa tolchitu, AABBO Waaqa faarsa!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite