9 Jennaani hayyu Belshazani haga qarale ira mudame, jari isaa gugurdaleeni ch'ufti waan tahu wollaale.
Jennaani hayyichi mudame, lubbuuni d'ufte, aka male hollate jilbi wold'ae.
Ganna lameeso ka Nebukadrezani lafa mohate inni oobju oobjate oobjuuni suni guddo herega isa nat'e rafu d'owarte.
Worri Yerusalemu waan jed'u, Nu odu worraa ya d'ageenne. Naasuuni ya harka nuraa jissite, woma fuud'u nu d'owarte; lalalaafi d'ukubsachani ya nu qabate, aka niiti d'aluu jirtu.
Jennaani hayyoota lafatiifi jara lafa fidufi askarti gugurdofi dureeyifi worra gugurdafi nami ch'ufti, tisseefi balchaleeni, goda gaara jalati d'eete.
Waan kana d'ageennaani, Herodefi nami Yerusalemu ch'ufti rifate.
Ato anini tae daayya suni ilaalu, akanumati koba hafe. Humna d'abe, fuulileeni na jirjirame, nami na hubachu dad'abe.
Me heregi, nami d'iira dandae d'iibate ilmaani ind'ala? Anini maafi nama d'iira ch'ufa, ka garaa qabate, aka nad'eeni garaacha ta ch'ininfatu ejaanju arga re? Nama ch'ufa maafi fuuli golgolaa:
Achiti naasufi mudamsuuni worra qabate, akuma niiti ilmeeni iti ejate,
Inni t'iya ufii darbate, nyaapa isaa gargari firfirse, angaasu isaatini worra ufi dura gusse.