Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Danieli 4:25 - KITAABA WAAQA

25 Namaani gargari si baasani, bineensani wolti sigalchani, ganna torba akuma karaaba buuyo si nyaachisani fit'eesa keesa ala si bulchani. Duuba eegi suni atini ee jetta, aka Waaqi guddaani dandae lafafi nama ch'ufa fide, abba fed'u kennu.

Gade chapit la Kopi




Danieli 4:25
15 Referans Kwoze  

Tunini dubbi malaikaani qulqullooni kurfo d'ufte taani ch'ufti dubbate buufate. Tanaafi nami lafa keesa jiru ch'ufti ha beekhu, aka Waaqi guddaani nama nama fidu ch'ufa fide abba fed'u finna suni kennu — nama woma keesa injirrele ch'ufa.


Irreefi jabeenna kiyya guddaani anini lafafi namaafi bineensa lafa keesa jiru ch'ufa uume, lafa suni nama anini jaalad'u kenna.


Worri ha aka atini AABBO Waaqi ch'allaani lafa ch'ufa mohate fidu, beekhuti.


Barafi wogaale ch'ufa isumati harkaa qaba; hayyule isumati barch'uma ira teesise, ammalle iraa buusa; nami qaroomafi hubacha namaa kennu isuma.


Worri guddinna Waaqa jijire akheekha sanga buuyo nyaatu tolche.


Nami dubbi qoru Waaqa, ka nama gari wollaala iti mure ka gariti d'ugaa muru.


AABBO Waaqi barch'uma ufii gubba d'aabe duuba waan ch'ufa mohata.


Ee hayyicha, atini hayyu lafa jiru ch'ufa ira jirta. Waaqi gubbaa yayu irreefi jabeennafi guddinna sii kenne.


Ammalle hayyichi waan Danielini jed'e, D'uguma Waaqi kanke Waaqa Waaqa ch'ufati, ka abba hayyoota ch'ufa ka waan d'ossani ch'ufa namaa mullisu, Tanaafi atini waan d'ossani kana dandeete nati himte.


Akheekha jabaafi waan mama ka Waaqi guddaani na garsiise ka anini amma isaniti himu ch'aqasa.


Haga ganna torba inni ha qalbi nama d'abe, ta bineensa argatuti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite