Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Danieli 11:40 - KITAABA WAAQA

40 Gaafa muummeeni geete hayyuuni lafa bitaa d'ufe isa had'e, hayyuuni mirgaleni fardafi gaari fardi hirkisufi hobolooni d'ufe isa ufi ira had'a. Inni akuma bisaani faach'aani, lafa fud'atani lafa heddu fud'ata.

Gade chapit la Kopi




Danieli 11:40
24 Referans Kwoze  

Jaarole qalbi qabdu suni haga toko infit'ani, aka akasiini gumi taani qulqulleesani aabo d'owani. Wonti kunini haga muummeeni Waaqi kurfeese d'uftuti halkani guyya inuma taati.


Ilmaani hayyu lafa mirgaa duula gudda kaafte lola kurfefatti duuba duuli suni d'ufe aka lolaa worrati fach'ae, dira worraa jajaba ch'ufa had'a.


T'iyiti worraa qara qabdi, guubeeni worraleeni had'iisa kurfo jirti. Koteeni fardo worraa akuma d'akhaa jabaati, miili gaari worraa akuma bubbe utaala.


Jennaani malaikaani jaeeso qori ufi galaana Efratiti jissite. Galaani gogoge, aka hayyooti mirgaa kara argatte taakitu.


AABBO Waaqi gumi ufii gubbati mullate, t'iya ufii aka angaasu billisa. AABBO Waaqi Guddaani magalata d'ae, bubbe bitaa d'uftu keesa deema.


Inni waan nani jed'e, Danieli, amma kitaaba ch'ufi, beesisa ira kayi, haga muummeeni d'uftuti. Nami hedduuni olgadi orie waan baratu barbaada.


Anini qabe, gara si galche, hooko boqoti si d'ae, siifi askarti teetile alati hirkisa — fardoole tante nama isi yaabatu woliini, ammalle gumi muumme inqamne ta wonte didiqofi gugurdo qabdu, ta goraadele qabdu.


Me ilaala, nyaapi aka baaldo dumansaa d'aabate d'ufuu jira. Gaarini isaa ka fardi hirkisu bubbe fakaata, fardooleeni worraleeni risa ira barifti. Nu ya banne, badiini ya nu qabate!


Kunini d'aamsa waan Babiloni d'aamani. Akuma bubbeeni lafa gamooji bubbifte waan ch'ufa hartu, badiini lafa soda qabdu iraa d'ufte wo balleesiti.


Henna nama duula ka fardaani yau nati himnaani; milioni d'ibba lamaati.


Nama isa didu, ato inni qaallicha Waaqa guddale teete, lafa iraa balleesani qile boola buusani.


Gabrielini d'ufe na bira eje, jennaani anini mudame lafa d'ae. Inni waan nani jed'e namicha, waan daayyani d'ooftu hubad'u. Daayyani waan gaafa muumme lafti taatu d'oofti.


AABBO Waaqi ibidaani d'ufe, gaarini inni yaabatu aka bubbe utaale, inni nama iti dallane gaargalcha.


Eegi bulti diqo nami fiit'a isii toko hayyu taha. Inni askarti hayyu lafa mirga had'e, dira worra jajaba seene worra dabsata.


Hayyuuni lafa bitaa dallane, hayyu lafa mirgaa had'e duula isa gudda kaani dabsate.


Hayyichi lafa mirgaa deebie duula haga duri kaanile ira jiru kaasa. Gaafa guyyaani gahe, inni duula gudda muumme inqamne, ka miha lola ch'ufa qabuuni deebia.


Inni garaa jabaate duula gudda kaase hayyu lafa bitaa had'a. Hayyuuni lafa sunileeni kurfefate, duula jaba toko kaase isale had'a; ammo ha taatu inni maro mala iti d'awatanifi dandae indabsatu.


Ammalle jara waaqa d'ibi kad'atu yaame, maneeni jajabdu tana qorqorad'a jed'aani. Inni nama isaa saalfatu guddinna gudda kenne nama heddu mohachise lafale kennaafi.


Isiini waan nani jette, Danieli, beeni, ufiraa deemi, wonti akanatiifi haga muummeeni d'uftuti, dubbi tana jabeesani d'ossu malani.


Atini t'iya teetiini gudda worra duulaa woraante, hojja worri aka bubbe nu balleesu d'ufe, aka nama hiyyeeyi d'ossaani dabse gammadu.


Siifi duula kanke ch'ufafi gochiti hedduuni ta goli teetileeni d'uftani, aka bubbe lafa suni d'ooftani aka hurri d'ossitani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite