Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Danieli 11:3 - KITAABA WAAQA

3 Duuba eege hayyichi jabaani toko d'ufe, lafa ballo guddo mohate waan fed'u taha.

Gade chapit la Kopi




Danieli 11:3
10 Referans Kwoze  

Hayyuuni lafa mirgaa waan fed'u tahe, anini waaqa ch'ufa ira jira jed'e ufi guddise, Waaqa guddale aka hama arabse akasiini nama mamsiisa. Inni haga Waaqi dallane badi isatini d'ufuti akasuma taha. Waaqi waan herege suni inuma guuta.


Nyaapi mirgaa d'ufu kaani waan fed'u worra tolcha, nami dandae d'owu injiru. Nyaapi suni lafa gabbo d'ufe waan fed'u keesati tolcha.


Korbeesi hayyu Grikiti, ammalle gaafi guddaani, ila isa lamaani jiddu eju, hayyu qaraati.


Ato anini tae laalu, bineensi d'ibileeni gabahe, kunini qeeramsa fakaata, ammo dudda ufi ira koola afuri qaba, ka koola allaati fakaatu; ammalle mataani isaa afuri. Isa jabeenna inni lafaani mohatu kennanifi.


Waan inni akasi guddinna argatefi nami gosa gosatifi ka d'aloota d'alootatifi ka afaani afaani dubbatuleeni ch'ufti sodaate isa durati hollate. Inni nama fed'u ijeese, ka fed'u lakisa, nama fed'u guddinna kenne ka fed'u iraa fuud'a.


Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.


Waaqileeni d'uga ufi ta worrati dare, akheekhafi waan mamatiifi waan jabdu heddu tolche. Ammalle Lubbu Qulqullo fed'i ufi gula namaa qoode.


Waan ch'ufa fed'i herega Waaqa gula tolchani ammalle Waaqi fed'i ufitiini Kristo keesa nu fohate nama ufi nu tolfate, herega isaa ka qara kaani gula.


Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite