29 Eegi suni inni ammalle lafa bitaa suni d'ufe had'a, ammo marooni tunini aka d'ibi taati.
Inni nama toko iraa gosa lafa ch'ufa keesa teetu uume, lafa ch'ufa keesa qubsise. Isumati qara bara gochiti suni teetufi seera lafale tolche.
Inni garaa jabaate duula gudda kaase hayyu lafa bitaa had'a. Hayyuuni lafa sunileeni kurfefate, duula jaba toko kaase isale had'a; ammo ha taatu inni maro mala iti d'awatanifi dandae indabsatu.
Inni gosa d'ibi sobe, akasiini goli woli tahani, ammalle ato inni gosa diqo mohatele kara sunini guddo jabaata.
Ganna sadeeso ka Koreshini lafa Ajemi mohate dubbi toko Danieli ka maqaani isaa d'ibiini Belteshazati mullisani. Dubbini suni dubbi d'ugaati, ammo nami akanati dandae inhubatu. Isa daayya keesa iti himani hubachisani.
Waan nani jed'e, Anini waan dallansuuni Waaqa gadiini d'uftu si garsiisuu jira. Daayyani tunini waan gaafa guyya muumme lafti taatu d'oofti.
Laalefad'a, boha, dira Filisti ch'ufa! Isani ch'ufti mudama! Awaarti guddooni kaate mirgaa d'ufti. Awaarti sunini duula ka daafanani tokoleeni keesa injirre.
Haga inni diqa, nama isa qorqorate waan isaa ch'ufa tissuti jira, haga guyyaani abbaani d'aamatu gahuuti.
Hayyichi lafa mirgaa ka wold'aqisa Waaqa qulqullo balleesu fed'u, waan boojie ch'ufaani galata. Inni waan fed'u tolche, duuba lafa ufiti deebia.
Hobolooni lafa Kitimuti d'ufte isa haate mudamsiifti. Duuba inni dallane garagale wold'aqisa qulqullo balleesu fed'a. Inni mala worra wold'aqisa qulqullo ch'absu gula deema.