Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Danieli 1:17 - KITAABA WAAQA

17 Waaqi jara kaima afrani kaani beekhafi hubacha waan soomanini baratani kenneefi. Tana malele inni Danieli qalbi inni daayyafi oobjuuni himu kenneefi.

Gade chapit la Kopi




Danieli 1:17
36 Referans Kwoze  

Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.


anini waan atini kad'ate suni amma sii tolcha. Anini qalbiifi hubacha ta nami haguma d'alate inargatini, yokhaani ta nami tokoleeni haguma jiru inarganne sii kenna.


Barafi wogaale ch'ufa isumati harkaa qaba; hayyule isumati barch'uma ira teesise, ammalle iraa buusa; nami qaroomafi hubacha namaa kennu isuma.


Ammo lubbu Waaqa guddati d'ufe qarooma namaa kenna.


Anini si faarseti si guddisa, ee Waaqa ababoota tiyya; atini yayu qaroomafi jabeenna naa kennite kad'acha tiyyale d'ageete, waan nu hayyuti himnu nu garsiifte.


Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.


Nami qarooma namaa kennu AABBO Waaqa, isa iraa beekhaafi hubachaani baati.


Ammo Lubbuuni Waaqa jabeenna isaa kennite, Stefanoni morku dad'abani.


Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Musani barsiisa gosa Misiri ch'ufa barate, dubbifi huji keesa nama gudda tahe.


Ganna sadeeso ka Koreshini lafa Ajemi mohate dubbi toko Danieli ka maqaani isaa d'ibiini Belteshazati mullisani. Dubbini suni dubbi d'ugaati, ammo nami akanati dandae inhubatu. Isa daayya keesa iti himani hubachisani.


Atini waan Danieli ira qaro ufi seeta waan wonti tokoleeni dandeete si duraa d'okhatu inseetu.


Inni, haguma Zekariani namichi kara Waaqa isaa barsiise kaani, jiru ch'alla, AABBO Waaqa hojate, Waaqileeni isa eebise.


duuba AABBO Waaqi waan jed'eeni, waan anini isaniini jed'u ch'aqasa! Hojja raagi isani keesa jiraate, anini daayyani worrati mullad'e oobju keesa worrati dubbad'a.


gaargala isaa ch'ufa nagayaani keesaa baase. Yusufuni Farao hayyu Misiri dura d'umnaani, Waaqi adaba dansaafi qalbi kenneefi. Faraoni Yusufu lafa Misiritiifi worra isaaleti jaallaba tolche.


Ganna qara ka Belshazani hayyu Babiloni tahe, anini halkani gach'iise rafe oobjad'e daayyani wo arge. Duuba oobju suni t'aafad'e;


Duuba halkani suni waan d'ossani kaani AABBO Waaqi daayya keesa Danieliti mullise. Jennaani inni Waaqa gubba faarse waan jed'e;


anati afaanifi qalbi isanii kenna, ta nyaapi keesani tokoleeni dandae morkeeni intufanne.


Kara inni huji tana ch'ufaani hojate Waaqumati garsiise.


Waaqi qaroomafi beekhumafi gammada nama isa gammachiisuu keenna; ammo inni nama daba hojachiise, aka waan inni argateefi waan olkeyatu nama Waaqa gammachiisuu kennani. Tunileeni woma imbaatu, seeruma nama qilleensa gussuuti.


tanaafi amma qalbiifi beekha anini gumi tante tanaani fidu naa kenni. Yo atini qalbi naa inkenini anini akami dandae gumi tana fida?


Worri Israeli aka hayyuuni dubbi suni mure d'agaye jennaani, guddo isaa sodaatani saalfatanifi, wonti akanatiifi worri yayu aka Waaqi qalbi d'uga gula woini murani suni isaa kenne hubate.


Ganna sadeeso ka Belshazani lafa mohate, anini daayya d'ibile arge.


Anini yayu d'agaye, aka atini lubbu waaqoota qulqullootifi qalbifi hubachafi qarooma qabdu.


Anini beekhaafi qalbi sii kenna. Tana malele, hormaatafi beesefi gurra dansa hayyooti d'ibiini taka inargatini, ka yokhaani nami d'ibileeni deebie inarganne, sii kenna.


Worri ch'ufti ha nama mimid'aaga, naafi aabo womatu inqamne qaqaro hubacha dansa qabu ka yoosu wo baratu tahuti, aka worri mana kiyya keesa hojatu. Duuba atini aka worri afaani Kaldayo t'aafe somu worra barsiisi.


Ganni sadeeni hayyuuni jed'e kaani hobae jennaani, Ashpenazini jara kaima kaani ch'ufa Nebukadreza duraani d'ufe.


Waan tateefu ka hayyuuni gaafatu ch'ufa, waan qaroomatiifi yokhaani ka hubachale taanaani, jari afrani kunini nama wo himufi falfaltu lafa inni mohatu keesa jirtu ch'ufa maro kud'ani ira wo beekha.


Wonti waan d'ossani kana mullisanifi, waan; anini nama ch'ufa ira qarooma qabuniti, ammo, ee hayyicha, atini waan oobjuuni tante d'ooftu baratte herega siti d'ufale hubatu.


Jennaani nama qaqaro Babiloni ch'ufa wolti yaame, waan oobjuuni suni d'ooftu gaafad'e.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite