AABBO Waaqi nama akana kana inaraaramu ammo dallane aka ibida iti bobae, abaarsi kitaaba kana keesati t'aafani ch'ufti isa ira deebie, AABBO Waaqi maqa isaa lafa gubba balleesa.
Jennaani anini waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini waan ch'ufa imbeeta, na qaabad'i, na qarqaari, nama na gaargalchu haalo na baafachisi worra obsite nati illakisini. Qaabad'i, maro tanteetifi na arabsani.