Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Boha 2:22 - KITAABA WAAQA

22 Akuma nama jilati yaamtu atini nyaapa kiyya nati yaamte, worri na marse lubbu na keesaa baase. Duuba guyya dallansu tante suni worri tokoleeni dandae duraa imbahu. Worri ijoolle tiyya ta jaalalaani anini guddise naraa fit'e.

Gade chapit la Kopi




Boha 2:22
16 Referans Kwoze  

Nu kara gula, yokhaani ala keesa deemu sodaanna; wonti akanatiifi nyaapi keenna woraana harkaa qaba, moga ch'ufa nu mudamsiisa.


Anini nyaapa heddu tae waan kiyya hasasu d'agae moga ch'ufa mudamsuuni na qabatti. Worri mala nati d'aate na ijeesuu fed'a.


AABBO Waaqi waan jed'u, Wonti anini argu kunini maani? Worri ya mudame baqate, askarti worrale ya dabsatani; worri akamale nahe, haga dandau ch'ufa baqate, ufira millachu dad'abe.


Boriyya diirama eegi Pashurini hid'aansa suni naraa hiikhe, anini waan isani jed'e, AABBO Waaqi maqa Pashuri suni si inkennine, maqaani inni sii kenne, Mudamsu fulla ch'ufa.


AABBO Waaqi isani abaare hormaata isani d'owa, nama taanaani, mid'aani oobru taanaani, loonifi ree taanaani waan ch'ufa isaniti diqeesa.


Gaargali suni hojja ch'ufa galgalaafi diirama isani illakisu, guyya ch'ufa isanumati d'ufa. Dubbini hareetiini Waaqa iraa d'uftu ch'ufti mudamsu hareeti d'ibiini isaniti d'ufti!


Tanaafi anini, AABBO Waaqi, worra gorsa, aka anini badi worri jalaa imbaane worratini d'ufu. Yo worri qarqaarsa na kad'atele, anini worra inch'aqasu.


Tanaafi AABBO Waaqi, guddaani Israeli, waan jed'u, Isani maafi waan hamtu akana tana ufitini d'uftani d'iirafi nad'eenifi ijoolleefi daimale balleesitani, daara ufi d'owartani?


Tanaafi AABBO Waaqi hayyu Babiloni had'iisa worraati erge. Hayyuuni suni, Mana Waaqa keesaleti, kaima Yuda heddu, hobaase. Inni nama tokole, diqaafi gudda, d'iirafi nad'eeni, jaarsafi jaarti tokole naasu d'abeefi bahu d'owe.


Ee AABBO Waaqa, atini d'uguma yayu Yuda jibbaatte lafa buufte? Atini worra Sioni ya jibbite? Atini maafi akana nu gaargalchite nu fayyu dad'amna? Nu nagaya barbaanne ammo waan dansa tokole lafaa d'amne; nu waan fayyinu ufi seene ammo mudamsuuni nu qabatte.


Ammo siifi jaarole teetifi nama woraanafi beelafi d'ukuba ira hafe ch'ufa harka hayyu Nebukadrezatifi nyaapa keesani ka isani ijeesu fed'uti kenna. Duuba Nebukadrezani naasu male isani ch'ufa hobaase nama tokole hafu d'owa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite