Anini iyyanna niiti ch'ininfatu d'agaye waacha niiti takaa ind'aalini. Iyyanti suni ta Yerusalemu, ta yo isiini hafuura baafachu dad'abde, harka olqabate, anini ya bade, nyaapi na ijeesu fed'a jettu!
Anini goli tiyya yaamad'e, ammo worri na qarqaaru dide. Qaaloleefi jari gugurdaleni ato waan liqimsu ka ufiini jireesu barbaadu kara dira keesati raawate.
Biyyiti iti iyyite waan jetteni, Nura fagaad'a! Isani ya t'urooftani, nu intuqina! Jennaani worri kae lafa ch'ufa keesa mare, ka keessumoma nama tokole ira inargatini.
AABBO Waaqi waan jed'u, Ee Yerusalemu, dira qarqaarsa inqamne, ka gaargala qabu, ka nami tokoleeni ka garaa si jabeesu injirre, anini yayaba kanke d'akha ch'uluqaani jaara.